Seera Uumamaa 28 - Kitaaba Woyyuu

Yisaaq Yaaqoobiin Gara Laaba'aa Erge

1Yisaaqi Yaaqoobiin waamee eebbisee akkana jedhee ajaje, «Ijoollee dubartoota Kana'aanii keessaa intala hin fuudhin;

2ka'iitii gara abbaa haatetii gara mana Baatu'eelii dhaqii achii ijoollee eessuma kee ta Laaba'aa keessaa takka fuudhi;

3Waandhi maraa danda'u si haa eebbisu!

4lafa baqattee keessa jiraatte ta Rabbi Abrahaamii kenne akka dhaaltu Rabbi eebba Abrahaamii kenne fiixaa keetii fi si'iillee haa kennu!»

5Innillee ka'ee gara Laabaa ilma Baatu'eelii nama Sooriya'aa obboleessa Ribqa'aa haadha Yaaqoobiitii fi Eesawu'uu bira laga lamaan jidduu dhaqe.

Eesawu Haadha Manaa Biraa Fuudhe

6Eesawu haga Yisaaqi Yaaqoobiin akka eebbisee fi achii akka intala haa fuudhu'uuf gara laga lamaan jiddu'uu erge beeke, hennaa isa eebbisu «Dubartoota Kana'aanii keessaa haadha manaa hin fuudhin» jedhee akka isa ajaje dhagaye;

7Yaaqoobillee jecha haadhaatii fi jecha abbaa ufii dhagayee laga lamaan jidduu akka dhaqe hubate;

8Dubartoonni Kana'aaniillee Yaaqoobiin afo'otti akka jibbaman Eesawu haga arge,

9gara Ismaa'elii dhaqee haawwota manaa isaa ta dura qabu irratti akka haadha manaa isaa taatu Maahilaatiin fuudhe; isiin mucattii ilma Abrahaamii Ismaa'eliitii fi obboleettii Nabaayootiiti.

Manaaba Yaaqoob Beeteelitti Arge

10Yaaqoob Beersaabeehiin dhaqee hulee takka gayee,

11aduun waan dhiiteef achi bule; achii dhagaa fuudhee boraafatee hulema san rafe.

12Halkan san eebju'uun kortoon lafaa haga Sami'ii gawu maleekkonni Rabbii hennaa kortoo kana irra kora'aa bu'an arge.» jedhee itti baase; qachaan sun duraan Loozaa jedhamti ture.

20Achiin maayessa Yaaqoob akkana jedhee silata qabe «Rabbi na woliin jiraatee karaa ani deemu marattuu yoo na eege, waan nyaadhuu fi waa uffadhu yoo naa kenne,

21gara mana abbaa kiyyaa yoo nagayaan na deebise, Rabbi Waaqa kiyya naa ta'a.

22Dhagaan ani soodduu dhaabe kun mana Rabbii ta'a; waan ati naa kennite maraa keessaa kurneessoo sii kenna» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help