1Izraan hennaa mana Rabbii afo'otti kufa'aa booya'aa Waaqa kadhata'aa yakka ufii himatu Israa'eliin keessaa gumiin dhiiraa, ka dubarti'iitii fi ka daa'immanii baay'een isa biratti wol gayan; baniinillee guddisee booye.
2Gosa Eelaamii keessaa ilmi Yihi'eelii Sekeniyaan Izra'atti akkana jedhee dubbate «Waaqa keenna yakkineerra; worra nyaaphaa worra Yihuudii hin taane keessaa dubartii fuuneerra; haa ta'uu ammo ammallee worri Israa'elii waan kanaaf abdii qaba.
3Amma akka ajaja Gooftaa kiyyaatii fi akka gorsa worra Waaqa keennaa sodaatuutitti dubaraa fi daa'imman isaan irraa dhalatanillee maraa uf biraa galchu'uuf Waaqa keenna woliin waadaa haa galluu; wonti kun akka seeraatitti haa raawwatamuu.
4Waan kana maraa raawwachiisu'uuf kun waan si laallatuuf ka'i; nullee si woliin jirraa jabaadhuu raawwadhu.»
5Izraanillee ka'ee bulchoota ufii, gadoota, Leewwotaa fi worra Israa'elii maraa akka dubbii kanaatitti waan kana akka raawwatan kakachiise; isaanillee hin kakatan.
6Izraan mana Rabbii afo'oo ka'ee gara gola mana Yohaanaanii ilma Eeliyaaseebii seenee waan cubbuu worra booji'amtootaatiif booya'aa tureef mana seenee waa hin nyaanne, hin dhunnelle'e.
7-8Worri booji'aman maruu akka Yerusaalemitti wol gawu, akka gorsa jaarsotaatii fi bulchootaatitti worri guyyaa sadihii keessatti hin dhufne maruu wonti isaan qaban maruu akka isaan jalaa fudhatamu, gumii worra booji'amee keessaa akka fooyamu biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiititti labsii labsan.
9Uduu guyyaan sadihii hin lufin ji'a sagaleesso'oo guyyaa diddameesso'ootitti worri Yihuuda'aatii fi worri Biiniyaamii maruu Yerusaalemitti wol gayan; baniin maruu waan kanaa fi sababaa Rooba gudda'aatiif hollata'aa hulee itti gad bayan ka mana Rabbii afoo jiru taa'an.
10Izraan gadichillee ka'ee «Isin yakkitaniirtan, Israa'eliin irratti yakka guddisu'uuf dubartoota nyaaphaa fuutaniirtan.
11Amma Rabbii Waaqa abboota keessanii afo'otti cubbuu keessan maraa himadhaa'a; waan isa gammachiisu hojjadhaa'a; banii naannaya keessan jiranii fi dubartoota nyaaphaa irraa fooyamaa'a.» isaaniin jedhe.
12Baniin maruu laagaa gudda'aan deebisanii «Waan ati nutti himte kana godhuu nu barbaachisa.
13Haa ta'uu ammo baniin baay'e'e; hennaan kun hennaa roobni guddatu, raasaa kana dhaabannee hin dandeennu; nu waan kanaan guddifnee waan yakkineerruuf, hujiin kunillee hujii guyyaa tokkoo fi lamaatii miti;
14kanaafuu bulchoonni keenna bikka bani'ii Waaqa afoo haa dhaabatanii; sababaa kanaaf lolli Waaqa keennaa akka nu irraa deebi'u, worri dubbartoota nyaaphaa fuudhan ka qachaa keenna keessa jiran maruu guyyaa haaganaan itti qabametti haa dhufanii; jaarsonni qachaa keessa jiranii fi abboonni murti'ii isaan woliin haa dhufanii.» jedhaniin.
15Haa ta'uu ammo ilmi Asaahelii Yoonaataanii fi ilmi Teequwwa'aa Yahiziyaan waan kana hin morman, Meesulaamii fi Saabaataayiin Leewwichillee isaan gargaaran.
16Worri booji'amanii deebi'an woma kana godhu'uuf wolii galan; kanaafuu Izraan gadichinii fi bulchoonni manniin abboota isaanii keessaa namoota filatan. Maruu maqaa ufii galmeeffatanii ji'a kudhaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti waan kana qorachu'uuf taa'an.
17Haga ji'a jalqabaa guyyaa jalqabaatitti hojjatanii worra dubartoota nyaaphaa fuudhan qoratanii raawwatan.
Maqaa Namoota Dubartoota Nyaaphaa Fuudhanii18Ijoollee gosa gadootaa keessaallee worri dubartoota isaanii fuudhan hin jiran. Ijoollee Iyyaasuu ilma Iyyooseedeeqiitii fi obbooleewwan isaa, Ma'iseeyaa, Al'aazar, Yaariibii fi Godoliyaas.
19Haawwota manaa ufii baasu'uuf harka kennatan, sababaa cubbuu ufiitiif tika horii ufii keessaa korbeessa hoola'aa tokko tokko ciinca'aaf dhiyeessan.
20Fiixaa Imeerii keessaa, Anaanii fi Zibaadiya'a.
21Fiixaa Kaarimii keessaa Ma'iseeyaa, Eliyaas, Shamaayaa, Yihi'eelii fi Ooziya'a.
22Fiixaa Faaskurii keessaa Eeliyoo'enaayi, Ma'iseeyaa, Yismaa'el, Naatinaa'el, Yoozaabaatii fi Eeli'aasa'a.
23Worra Leewwotaa keessaa Yoozaabaat, Saamee'i, Qoliyaa Qolixaas jedhamu, Fataayaa, Yihuuda'aa fi Al'aazar.
24Worra faarfattootaa keessaa Eeliyaaseeb.
Worra balbala eegu keessaa Saloom, Xeeleem, Uuri.
Worra Gosa Balbala Mana Qulqullu'uu Eegan Keessaa25Worra Israa'elii kaawwan keessaallee fiixaa Faaroosii Raamiyaa, Yiiziyaa, Malkiyaa, Miyaamin, Al'aazar, Malkiya'aa fi Baanaayaas.
26Fiixaa Eela'aa keessaa Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yihi'eel, Abdi, Yireemootii fi Eeliya'a.
27Fiixaa Zaatu'ii keessaa Eeliyo'eenaayi, Eeliyaaseeb, Mataaniyaa, Yireemoot, Zabaadii fi Aziiza'a.
28Fiixaa Beebaayii keessaa Yihohanaan, Hanaaniyaa, Zabsaayii fi Axilaayi.
29Fiixaa Baani'ii keessaallee Meesulaam, Maluuk, Addaayaa, Yaasuub, Sha'aalii fi Raamoot.
30Fiixaa Fahaatii nama Moo'aabii keessaa Adinaa, Kilaal, Banayaas, Ma'iseeyaa, Mataaniyaa, Baasili'eel, Biniwii fi Minaase'e.
31Fiixaa Kaarimii keessaa Al'aazar, Yishiyaa, Malkiyaa,
32Shamaayaa, Simoon, Biiniyaam, Maluukii fi Samaaraya'a.
33Fiixaa Hasuumii keessaa Matinaayi, Matataa, Zaabaad, Elifaalaat, Yireemaayi, Minaase'ee fi Saame'i.
34Fiixaa Baani'ii keessaa Maa'idaayi, Amraam, Uu'eel,
35Banaayaas, Beediyaa, Kelqiyaa,
36Waaniyaa, Meerimoot, Eelyaaseeb,
37Mataaniyaa, Matinaayii fi Yaa'isu.
38Fiixaa Biiniwii keessaa, Saame'i,
39Saleemiyaa, Naataan, Aadaayaa,
40Makinadibaayi, Seeseeyi, Shaaraayi,
41Eziri'eel, Saleemiyaa, Samaarayaa,
42Saloom, Amaariya'aa fi Yooseef.
43Fiixaa Naaba'awuu keessaallee Yi'i'eel, Matiitiyaa, Zaabaad, Zabiinaa, Yaadaayi, Iyyo'eelii fi Banayaas.
44Namoonni kunniin maruu dubartoota nyaaphaa fuudhanii turan; dubartoonni isaan fuudhan tunniin ijoollee baay'ee dayaniif.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.