1Yaa Nanawwee'e! ka balaa sitti buusu dhufeera!
kanaafuu kusheewwan kee jabeeffadhu!
karaa kee gugurdaa maraa eegi! mudhii kee hidhadhu!
hunna kee maraa jabeeffadhu!
2Yoma worri waa balleessan isaanii fi
qabeenna isaanii balleessan
Rabbi ulfinna Israa'elii ka ijoollee
Yaaqoobii hin deebisa.
3Loltoonni wontee didiimaa qabataniiran;
uffata diimaa dhiilgeellee uffataniiran;
inni hennaa isaan hiriirsu sibiilli gaarii fardaa hin calanqisa;
worri farda yaabbatan farda irra taa'anii mimirqaanan.
4Gaariin fardaa guddisanii fiiga'aa karaa irratti wol morkan;
raasaa keessa asii fi achi gulufa'aa
shawaa bobawu fakkaatan
akka bakkakka'aatittillee hin fixiraman.
5Inni worra loltoota ajajan hin waama;
isaan guggufata'aa gara afo'oo dhufan;
loltoonni diinaa fiiga'aa
dallawa qachatti'ii irra bayan;
buundhee isaaniin darbatanillee
wontee ufii gudda'aan uf irraa dhooggan.
6Balballan dallawa dhaga'aa ka qachatti'ii ka ladda lagaatiin jiru
guddisanii banaman;
manni mootumma'aallee guddisee raafame.
7Nanawween hin salphatte; mootittii booji'anii fudhatan;
worri intalaa ka isi'ii hojjatu laagaa gaddaa ka akka laagaa handari'ii fakkaatu dhageessisa'aa
qoma ufii tuma'aa booyan.
8Nanawween akka bisaan haro'oo ka yaa'uuti;
baniin isi'iillee akka bisaan yaa'uu
qachattii keessaa bayee hennaa deemu
nama dhaabadhaa'a! dhaabadhaa'a! jedhu uf duuba gara galee hin laalu.
9Qabeenni qachatti'ii dhuma hin qabu;
dhagaan isi'ii kabajjamaanillee baay'atee hagaa ol ta'e;
kanaafuu deema'aatii birri'ii fi worqii saama'aa fudhadhaa'a.
10Nanawween hin badde;
diiggamtee badde;
onneen namaa soda'aan baqe;
jilbi maruu hadoodee hollate;
duddi nama maraatuu hin hollate;
fuulli nama maraatuu daaraa fakkaate.
11Qachattiin leencan keessa jiraatan,
ka leencan darmiin keessatti waa nyaatan,
leencan dhalaanii fi kormaan ilmoolee ufii woliin
raasaa sodaa malee keessa jiraatan fakkaattu
amma eessa jirti?
12Leenci waan ilmoolee isaatii gawu dhadhoolee fida;
leenca dhala'aafillee waan isiin nyaattu ajjeesee isi'ii fida;
goda busaawaa dhadhooleen guute,
boolla foon ciccirameen guute.
13Nanawwee'e! ani sitti ka'eera jedha Waandhi banii maraa; ani gaarii kee ka fardaa maraa hin gubee barbadeessa; leencan kee darmiin guraade'een dhuman; lafa irratti ka ati miitu akka hin jiraanne taasisa; laagaan ergamtoota keetii ammaa achi hin dhagayamu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.