Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 22 - Kitaaba Woyyuu

Mammaaka Waan Fuudhaa Fi Heerumaa(Luq. 14:15-24)

1Yesuus ammallee deebisee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime.

2 gibira kaffaluun seera moo seeraa miti? mee nutti himi!» jedhaniin.

18Yesuus ammo hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan?

19Birrii gibiraa mee natti mudhisaa'a» jedhe. Isaanillee saantibii tokko itti fidan.

20Inni, «Fakiinii fi maqaan kun ka eennuuti?» jedhee isaan gaafate.

21 Luq. 23:2; Rom. 13:7 Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aati» jedhaniin.

Achiin maayessa inni, «Kanaaf waan mooti'ii mooti'iif; waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe.

22Isaanillee kana dhagayanii maalalanii isa dhiisanii deeman.

Gaafii Waan Du'aa Ka'iinsaa(Mar. 12:18-27; Luq. 20:27-40)

23 Hu. Er. 23:6,8 Hennaa san worri Saduuqootaa ka «du'aa ka'iinsi hin jiru» jedhan gara isaa dhiyaatanii akkana jedhanii isa gaafatan.

24«Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe.

25Ilmaan haadhaa torbatu nu woliin ture. Ka hangafaa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e; ka lammeesso'oollee isii dhaalee uduu hin uumanne du'e.

26Sadeesso'oo haga torbeesso'ootitti isii dhaalanii uduu ijoollee hin uumatin irraa du'an.

27Kanniin maraan maayessa isiinillee hin duute.

28Waan isaan martinuu isii fuudhaniiraniif gaafa du'aa ka'iinsaa torban keessaa kamiif haadha manaa taati?»

29Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabotaa fi hunna Rabbii waan hin beenneef isin hin dogoggortan.

30Du'aa ka'u'uun maayessa akka Maleekkota Rabbii ta'an malee hin fuudhan; hin heeruman.

31-32Ser. Ba'u. 3:6,16 Waan du'aa ka'uu worra du'ee, waan Rabbi isiniin jedhe isin hin dubbifnee? Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraattotaati malee Waaqa worra du'ootaatii miti» isaaniin jedhe.

33Gumiinillee barumsa isaa kana dhagayanii maalalan.

Ajaja Guddicha(Mar. 12:28-34; Luq. 10:25-28)

34Fariisonni akka inni Saduuqoota cadhisiise hennaa dhagayan wol gayan.

35Isaan keessaa namichi Seera Muuse'ee beeku tokko, isa qoratu'uuf jedhee,

36«Barsiisaa'a! Seera keessaa ajanyi guddaan kam?» jedhee isa gaafate.

37Kes. Deb. 6:5 Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee garaa kee guutu'uun, lubbuu tee guutu'uun, qalbii tee guutu'uun jaaladhu›

38Ajanyi guddaan duraa kana.

39Ser. Lew. 19:18; Rom. 13:9; Gal. 5:14 Lammeessoonillee kanuma fakkaata: ‹Obboleessa kee akka lubbuu teetiititti jaaladhu› ka jedhu.

40Rom. 13:10 Ajajuma lamaan kana irratti Seerrinii fi barsiifni raattotaa martinuu hundeeffamaniiran» jedhe.

Gaafii Waan Kiristoosii(Mar. 12:35-37; Luq. 20:41-44)

41Uduu Fariisonni wol gayanii jiran Yesuus akkana jedhee isaan gaafate,

42«Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?»

Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhanii deebisaniif.

43-44Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyu'uutiin masakkamee ‹Gooftaa'a› jedha'aa isa waama,

‹Rabbi Gooftaa kiyyaan,

haga ani diintota kee luka kee jala sii galchutti,

Mirga kiyya taa'i› jedheen yoo jedhu

Ayyaanaan Gooftaa jedhee isa waama'aaraa?

45Yoo Daawiti Gooftaa jedhee isa waame, attamitti Inni ilma isaa ta'a ree?» isaaniin jedhe.

46Mar. 12:34; Luq. 20:40 Namni tokkochi deebii isaa deebise hin jiru. Gaafa san irraa kaasee lamuu eennullee uggee hin gaafanneen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help