1Aki'aabi akka Eeliyaas waan kanniin maraa godhe, raattota maraa akka guraade'een ajjeese Eelzaabeelitti hime.
2Eelzaabeelillee «Boru hennaa tana anillee waan ati raattota san irratti goote yoo si godhuu baadhe, waaqoleen kiyya na haa ajjeesan!» jettee dhaamsa gara Eeliyaasii ergite.
3Eeliyaas guddisee sodaatee lubbuu ufii oolchu'uuf nama isaa hojjatu woliin gara qachaa Beersaabeehii Yihuudaa keessatti argamtuu hojjataa ufii achitti dhiisee dhaqe.
4Inni deemsa guyyaa tokkoo guutuu deemee dhittacha takka jala taa'ee «Yaa Rabbi! ani abboota tiyya hin caaluu amma na gayaa lubbuu tiyya fudhu!» jedhee akka du'u kadhate.
5Kanaan maayessa inni mukattii dhittachaa san jala ciise; akkuma inni ciiseen hirribni isa fudhatee rafe; maleekkaan Rabbii tuqee isa kaasee «Ka'ii waa nyaadhu» jedheen.
6Yoo ol ka'ee laalu uf biratti xorosho'oo fi bisaan xuwwe'een jiru argee fuudhee nyaatee dhugee deebi'ee rafe.
7Maleekkaan Rabbii hennaa lammeesso'ootiif tuqee isa kaasee «Karaan deemtu fago'oo ka'ii waa nyaadhuu dhugi!» jedheen.
8Innillee ka'ee waa nyaatee dhugee hunna saniin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa haga Kooreebii gaara Rabbii deeme.
9Akkuma achi gayeen goda tokko keessa seenee achi bule; uduu inni goda san keessa jiru dubbiin Rabbii «Eeliyaas! maal asii goota?» ka jedhu gara isaa dhufe.
10Eeliyaas «Ani guddisee Rabbii Waaqa banii maraatii hinaafeera; waan ijoolleen Israa'elii waadaa si woliin galan didaniif, waan hulee ciinca'aa kee diiganiif waan raattota kee guraade'een fixaniif isaan keessaa anuma calla'atu hafe, isaan na ajjeesuu barbaadan» jedhe.
11Rabbi Eeliyaasiin «Hulee jirtuu ka'ii qaccee gaaraa irra na afoo dhaabadhu» jedheen; achiin maayessa Rabbi isa biraan lufee bubbee jabaa ergee dhagaa babbaqassee caccabse; garuu Rabbi bubbee san keessa hin jiru; haga bubbeen sun dhaabate lafti hin raafamte, Rabbi garuu raafama lafaa san keessa hin jiru.
12Haga lafti raafamteen maayessa ibiddatu bobaye; ibidda bobawu san keessa garuu Rabbi hin jiru; ibidda bobayeen maayessa laagaan tokkollee hin sokossine.
13Eeliyaas haga waan kana dhagaye fuulatti haguuggatee bayee goda afoo dhaabate; achiin maayessa «Eeliyaas maal asii goota?» Laagaa jedhu dhagaye.
14Eeliyaasillee «Ani Rabbii waaqa banii maraatii guddisee hinaafeera; ijoolleen Israa'elii waadaa si woliin galan waan dhiisaniif, waan hulee ciinca'aa kee diiganiif, waan raattota tee guraade'een fixaniif, isaan keessaa anuma calla'atu hafe, isaan garuu na ajjeesuu barbaadan» jedhe.
15Rabbi Eeliyaasiin «Karaa lafa gammoojji'ii ka duraan keessa dhufte keessaan gara Damaasqo'oo deebi'i, hennaa achi geette biyya Sooriya'aa irratti akka moowu Azaaheliin muudi,Eelsaa'i Waamame
19Achiin maayessa inni achii deemee ilmi Saafixii Eelsaa'i uduu sangoota morma kudha lamaatiin lafa qotu, inni uduu sangaa morma kudha lammeesso'ootiin qotu argee Eeliyaas qoola ufii uffatu mulqatee itti darbee irra buusee bira lufe.
20Hennaa kana Eelsaa'i sangoota ufii dhiisee gara Eeliyaasii fiigee «Ani abba'aa fi haadha tiyya nagaya itti dhaamadhee dhufaa na hoffolchi; achiin maayessa si faanaa deemaa» jedheen; Eeliyaasillee «Ka'ii dhaqi ani si hin dhoogginee» jedheen.
21Achiin maayessa inni isa biraa deebi'ee sangoota lamaa fuudhee qalee affeelee bani'ii kennee nyaachisee ka'ee Eeliyaasiin faanaa deemee isaa hojjata'aa ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.