Raajii Daani'eelii 6 - Kitaaba Woyyuu

Daani'eel Boolla Leencotaa Keessatti Gatame

1Daariyoos bulchiinsa mootummaa ufii irratti akka bulchan namoota dhibbaa fi diddamaa muuduu barbaade.

2Ammallee eda'ee worra mootichatti dhiyaatanii akka womaa isa jalaa hin hanqannee fi akka worra biyya bulchan tooyatan Daani'eelii fi namoota biraa lamaan file.

3Daani'eel akka dandeettii huji'ii guddaa ka addaa qabu worra biyya bulchan kaawwanii fi worra baallii qaban maraa akka caalu huji'iin mudhise; kanaafuu mootichi mootummaa ufii maraa irratti bulchaa godhee isa muuduu barbaade.

4Achiin maayessa worri kuuwwan ka biyya bulchanii fi worri baallii qaban yakka waan Daani'eel hojjatu hujii mana mootumma'aa irratti isa himatu'uuf sababaa irra soqa'aa turan; Daani'eel ammo nama uf eeguu fi amanamaa waan tureef dogoggora yookaan yakka woyiituu isa irratti arguu hin dandeenne.

5Kanaafuu isaan «Waan seera Waaqa isaatii achi waan Daani'eeliin ittiin himannu yakka woyiituu isa irratti arguu hin dandeenne» woliin jedhan.

6Kanaan maayessa worri biyya bulchanii fi worri baalii qaban tokko ta'anii gara mootichaa dhaqanii «mootii kenna Daariyoos! ati baraa haga bara baraa jiraadhu!

7Nu'u worri mootummaa kee keessatti ramadamnee baallii guddaa qabnu Abukaatoon seeraa, abboonni halange'ee nu'u worri akka keetii worri gorsa kenninuu fi worri biyya bulchinu yaada woyii irratti wolii galle, kunillee amma irraa jalqabee haga guyyaa soddomaa yoo si kadhatan malee Waaqa biraa, yookaan nama biraa akka hin kadhanne akka labsii labsisiiftuuf, namni seera kana diigu yoo jiraate akka boolla leencotaatitti gatamu ajaji.

8Eeganaa mootii keenna! seerri kun akka seera Meedooniitii fi akka seera Faarisii jabaa hin jijjiiramnee akka ta'u mallatteessi» jedhaniin.

9Akkaataa kanaan mootichi Daariyoos seera san mallatto'oon cimse.

10Daani'eel yoma seerri akka itti mallatteeffamee mirkanaaye beekellee gara gamoo irra jiraatuu ol baye; foddaawwan gamoo sanii kolba Yerusaalemiitiin bana'a; inni akkuma tanaan dura godha'aa ture jilbiiffatee Waaqa ufii galatoonfata'aa guyyaa keessa harka sadihii kadhata'aa ture.

11Worri wolta'anii isatti ka'an kunniin tokkumma'aan gara isaa dhaqanii uduu Daani'eel uumaa ufii kadhata'aaru isa argan.

12Isaan maruu woliin gara mootichaa dhaqanii akkana jedhanii Daani'eeliin himatan, «Daani'eel waan seera baye diigeef mootii keenna; ati seera namni tokkollee haga guyyaa soddomaa yoo gara kee ta'e malee Waaqa biraa yookaan nama biraa kadhate akka boolla leencotaatitti gatamu seera baaftee irratti mallatteessitee hin turree?» jedhaniin. Mootichi, «Ee ani seera akka seera Meedooniitii fi Faarisii jabaa hin jijjiiramnee baaseera» jedhe.

13Isaanillee, «Eeganaa mootii keenna! Daani'eeliin worra booji'amee ka Yihuuda'aa si hin kabajju; seera ati labsitee irratti mallatteessite diigee guyyaa keessa harka sadihii Waaqa ufii kadhata» jedhaniin.

14Mootichi haga waan kana dhagaye guddisee gaddee Daani'eeliin hambisu'uuf murteesse; haga aduun dhiitutti isa hambisu'uuf mala hambisuun maraa soqa'aa ture.

15Namoonni maruu tokkumma'aan gara mootichaa dhaqanii «Mootii keenna! akka seera Meedooniitii fi seera Faarisiititti seerri mootiin tokko baase yookaan ajajnyi inni dabarse akka hin jijjiiramne beeki!» jedhaniin.

16Kanaafuu mootichi Daani'eeliin qabanii fidanii akka boolla leencotaatitti gatan ajaje; Mootichi Daani'eeliin, «Waandhi ati hennaa maraa amanamumma'aan tajaajiltu si haa oolchu» jedheen.

17Afaan boollaa dhaga'aan cufan; namni tokkollee akka Daani'eliin hambisu'uuf hin badanne mootichi chaapaa mootummaa ufiitii fi chaapaa worra isa jalatti bulchaniitiin chaappeesse.

18Mootichi gara mana mootummaa ufii deebi'e; womaa hin nyaanne, wonti isa barbaachisu akka hin dhiyaanneefiif halkan guutuu uduu hin rafne bule.

19Ganamaan mootichi hennaa lafti gagaarrattu ka'ee ariifatee gara boolla leencotaa dhaqe.

20Haga achi gaye laagaa gaddaatiin, «Daani'eelii tajaajilaa Waaqa jiraata'aa! Waandhi ati hennaa maraa amanamumma'aan tajaajiltu afaan leencotaatii si hambisuu danda'eeraa?» jedhee isa waame.

21Daani'eelillee, «Mootii kiyya! baraa haga bara baraa jiraadhu!

22Akka leenconni na hin miine Rabbi maleekkaa ufii ergee afaan leencotaa cufe; inni wonti kana godheef ani afoo isaatitti mudaa waan hin qabnee fi sillee akka hin yakkine waan beekeef» jedhee deebiseef.

23Mootichi guddisee gammadee akka Daani'eeliin boolla leencotaatii baasan ajaje; hennaa isa baasan akka inni Rabbiin hedatee akka miidhaan tokkollee isa irra hin geenne argan.

24Achiin maayessa mootichi worra Daani'eeliin himatan qabanii akka fidan ajaje; inni akka isaan haawwota manaa ufiitii fi ijoollee ufii woliin qabamanii boolla leencotaatitti gataman taasise; uduma isaan lafa hin geenne, leenconni isaan cicciranii lafee isaaniillee caccabsan.

25Achiin maayessa mootichi Daariyoos banii biyya gara garaa keessa jiraatanii fi gosa afaan gara garaa dubbatanitti ergaa barreeffamaa Nageenni isiniif haa ta'u

26Baniin mootummaa kiyya keessa jiraatu maruu Waaqa Daani'eelii akka sodaatanii fi akka kabajjan labsee ajajeera;

Inni Waaqa jiraata'aa fi ka baraa haga bara baraa jiraatu;

mootummaan isaa hin badu;

mootummaan isaa dhuma hin qabu.

27Inni nama oolcha; nama hambisa;

inni ardi'ii fi sami'itti waan maalale'eetii fi waan baasaa hojjata;

Daani'eeliin afaan leencotaatii hambiseera» jedhu dabarse.

28Daani'eel bara mootummaa Daariyoosii Faarisiitii fi Qiroosii maraa kabajjamee jiraate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help