1Haga Abemelek du'een maayessa nama gosa Yisaakoorii keessaa Tolaan ilmi Foohaa Duudii worra Israa'elii oolchu'uuf ka'ee Saamirii biyya gaaraa ka Efreemii keessa jiraate.
2Inni worra Israa'elii haga woggaa diddamii sadihii bulchee du'ee Saamiriin keessatti awwaalame.
Iyyaa'ir3Tola'atti aanee Iyyaa'irii nama gosa Gala'aadiititu mooyee woggaa diddamii lamaaf Israa'eliin bulche.
4Inni ijoollee dhiiraa soddomaa ta harriin soddomaa yaabbattu qaba; isaan biyya Gala'aadiititti qachoota soddoma qaban; qachoonni kunniin haga adhaa gandoota Iyyaa'irii jedhaman.
5Iyyaa'ir du'ee Qaamoonitti awwaalame.
Yooftaahee6Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan; waaqolee tolfamaa worra Sooriya'aa ba'aaliimii fi Astaarootiin, waaqa tolfamaa siidoona'aa, waaqa tolfamaa worra Moo'aabii, waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii fi waaqa tolfamaa worra Filisxeemii waaqeffatanii Rabbiin waaqeffachuu dhiisan;
7Rabbi guddisee worra Israa'eliitiin lolee, worra Filisxeemiitii fi ijoollee Amooniititti dabarsee isaan kenne.
8Bara san isaan ijoollee Israa'elii guddisanii rakkisanii leelalchan; worra Israa'elii ka laga Yoordaanosiitiin gama jiranii fi worra lafa Gala'aadii biyya worra Amoorotaa keessa jiraatan maraa haga woggaa kudha saddeetii isaan miidhan.
9Ijoolleen Amoonii gosa Yihuudotaa fi gosa Efreemiitii fi gosa Biiniyaamiitiin lolu'uuf laga Yoordaanosii gama ceeyan; worri Israa'eliillee guddisanii rakkatan.
10Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii, «Rabbii keenna dhiifnee ba'aaliimiin waaqeffanneerra; sillee guddifnee yakkineerra» jedhanii gara Rabbii iyyan.
11Rabbi garuu ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe; «Worri biyya Misirii, worri Amoorotaa, ijoolleen Amoonii,
12worri Filisxeemii, worri Siidoona'aa, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onootaa isin hin rakkifnee? Isin gara kiyya iyyinaan, ani harka isaanii jalaa isin baase.
13Isin garuu ana dhiiftanii waaqa tolfamaa biraa waaqeffattan; kanaafuu ani isin hin oolchu;
14deema'aatii waaqolee tolfamaa filattan waamadhaa'a, isaan gaafa isin rakkattan isin haa oolchanii» isaaniin jedhe.
15Ijoolleen Israa'elii Rabbiin, «Nu'u cubbuu hojjanneerra, Ati waan si gammachiisu nu irratti godhi; garuu yabo'oo adhuma nu oolchi» jedhaniin.
16Isaan waaqa tolfamaa uf jiddu'uu dhoogganii Rabbiin waaqeffatan, Rabbillee rakkachuu worra Israa'eliititti guddisee gadde.
17Ijoolleen Amoonii wol gayanii Gala'aaditti quphatan; ijoolleen Israa'eliillee wol gayanii Mitsipha'atti quphatan.
18Baniinii fi bulchoonni bani'ii, «Nu'u keessaa eentu ijoollee Amooniitiin loluu jalqaba? woliin jedhan; inni namoota Gala'aadii maraa irratti bulchaa ta'a» woliin jedhan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.