1Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, «Hin sodaatin, hin nayin, loltoota tee maraa qabadhuutii gara Gaayii dhaqii laalii mootii Gaayiitii fi banii qachaa sanii, biyya san maraa dabarsee sii kenneera;
2akkuma Iyyaariko'oo fi mootii Iyyaariko'oo goote, Gaayii fi mootii kanallee hin goota, boojuu isi'iitii fi horii isi'ii garuu hin saamtan; qachattii duubatti loltoota dhossa'aan kaayi» jedheen.
3Iyyaasu'uu fi loltoonni maruu gara Gaayii bawu'uuf ka'an; Iyyaasuun namoota jajjabaa kuma soddomaa filee halkaniin ergee,
4«Qachaa duubatti dhokadhaa'a; qachattii irraa hin fagaatinaa'a; isin maruu qophaayaa'a;
5Anii fi baniin na woliin jiru maruu gara qachatti'ii dhiyaannaa. Akkuma duraa nuun lolu'uuf yoo nutti dhufan isaan jalaa dheessina.
6Akka duraan isaan jalaa dheessine sanitti waan isaan jalaa dheessinu seeyanii qachattii keessaa bayanii haga fagaatanitti nu faanaa deeman; nullee isaan jalaa dheessina.
7Isinillee hulee itti riphxanii dhokattan sanii ka'aa'a; Rabbi Waandhi keessan qachattii san waan isinii kennuuf qachattii san qabadhaa'a.
8Akkuma qachattii san qabattaniin ibiddaan gubaa'a; waan ani isin ajajeef akkuma dubbii Rabbii godhaa'a» jedheen.
9Kanaan maayessa Iyyaasuun isaan erge, isaanillee gara hulee itti dhokatanii dhaqanii Gaayii fi Beeteeliin jidduu ladda Gaayii karaa bita'aatiin riphanii taa'an; Iyyaasuun garuu halkan san banii woliin bule.
10Iyyaasuun ganamaan ka'ee banii hiriirse; inninii fi jaarsonni Israa'elii banii firrisanii gara Gaayii dhaqan.
11Loltoonni isa woliin jiran maruu bayanii qachattii bira gayanii gara mirgaatiin Gaayiin biratti quphatan; isaanii fi Gaayiin jidduu dhooqatu jira.
12Iyyaasuun haga namoota kuma shanii fuudhee Beeteelii fi Gaayiin jidduu karaa dhiyaatiin qachattii keessatti isaan dhosse.
13Loltoota qachattii keessa karaa mirgaatiin kaaye maraa, banii qachattii keessa karaa bita'aatiin dhossan, Iyyaasuun galgaluma san gara dhooqaa dhaqe.
14Mootiin Gaayii haga isaan arge worri qachattii keessaa ganamaan ariifatanii ka'an; inninii fi baniin maruu hennaa gabaabaa keessatti Arabaa afo'ootitti baniin maruu Israa'eliin lolu'uuf bayan; qachattii duubaan garuu akka loltuun dhokatee ripheeru hin beenne ture.
15Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu akka waan mooyatamaniititti isaan jalaa gara lafa gammoojji'ii dheessan.
16Namoonni qachattii keessaa maruu isaan ari'u'uuf waamamanii Iyyaasuu uduu ari'an qachattii irraa akka fagaatan godhan.
17Gaayii fi Beeteeliin keessatti namni Israa'eliin ari'u'uuf ka hin baane hin jiru; qachattii duwwaa dhiisanii worra Israa'elii ari'an.
18Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, «Gaayiin dabarsee waan sii kennuuf sibiila harkaa qabdu itti qajeelchi» jedheen; Iyyaasuunillee sibiila harkaa qabu qachatti'itti qajeelche.
19Worri riphanillee daddafanii hulee itti riphanii ka'an; akkuma Iyyaasuun harka ufii gara diinaa qabeen loltoonni isaa gara qachatti'ii seenanii isaan qabanii daddafanii qachattii san ibiddaan guban.
20Namoonni Gaayiillee uf irra midhatanii hennaa aarri qachattii san keessaa gara sami'ii ol aaru argan; bita'aa fi mirgattillee dheessuu dadhabanii gara banii Israa'elii ka gara lafa gammoojji'ii keessa isaan ari'aaranitti gara galan.
21Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu akkuma worri riphaniiran qachattii qabaniin aarri qachatti'iillee gara sami'ii akka ol aara'aaru hennaa argan uf irra gara galanii namoota Gaayii ajjeessan.
22Namoonni kuuwwanillee duubaan itti nam'an; qachattii keessaa baasan namoonni Gaayiillee banii jidduu ta'an, baniin Israa'eliillee isaan marsee namni tokkollee uduu hin hafne isaan fixan.
23Mootii Gaayii garuu uduu hin ajjeefne qabanii gara Iyyaasu'uu fidan.
24Namoonni Gaayii worri Israa'eliin fixu'uuf deeman maraa lafa raasa'aa gammoojjii keessatti haga fixaniin maayessa, haga isaan dhumanitti guraade'een haga fixaniin maayessa, worri Israa'elii maruu gara Gaayii deebi'an.
25Guyyaa san namoonni Gaayii worri guraade'een dhuman dhiiraa fi intalti maruu haga namoota kuma kudha lamaa turan.
26Iyyaasuun worra Gaayiin keessa jiraatan maraa haga guraade'een fixutti harka ufii gad hin deebifanne.
27Garuu akkuma Rabbi Iyyaasuu ajaje, hori'ii fi boojuu qachattii sanii mara worri Israa'elii ufumaa saamanii fudhatan.
28Iyyaasuun Gaayiin gubee haga adhaa qachattiin sun diiggamtee baraa haga bara baraa ona taasise.
29Mootii Gaayii garuu haga galgalaa muka irratti fannisee haga aduun dhiite reeffa isaa akka muka irraa buusan ajaje; isaanillee reeffa isaa muka irraa buusanii akka balbala qachatti'iititti gatan godhe; reeffa isaa irrattillee dhagaa guddaa haga adhaa jiru tuulan.
Seera Muuseen Barreesse Ka Gaara Geebaalii Irratti Dubbifame30Achiin maayessa Iyyaasuun gaara Geebaalii irratti Rabbii Waaqa Israa'eliitii hulee ciincaa itti ciinceessan hojjate;
31akkuma garbichi Rabbii Muuseen ijoollee Israa'elii ajajetti, akkuma kitaaba seera Muuse'ee irratti barreeffametti huleen ciinca'aa dhagaa hin woqaramnee fi ka sibiilli hin tundhe irratti ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeessan; ciincaa fayyumma'aallee hin ciinceessan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.