Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 16 - Kitaaba Woyyuu

Lola Worri Israa'eliitii fi Worri Yihuuda'aa Wol Lolan(Mot. 1ffaa 15:17-22)

1Aasaan mooyee woggaa soddomii jaheesso'ootitti mootiin Israa'elii Ba'aas biyya Yihuuda'aa irratti ka'ee gara biyya Yihuuda'aa eennullee akka hin seenne qachaa Raama'aa ijaare.

2Kanaaf Aasaan mana woyyuu Rabbiitii fi qabeenna mooti'ii keessaa birri'ii fi worqii fuudhee Wolda'aadeerii mootii biyya Sooriya'aatiif ergee

3«Waadaan abbaan kiyyaa fi abbaan kee wolii qaban anaa fi si'i jiddu'uttillee akka ta'u birri'i fi worqii sii ergeera; akka inni na biraa fagaatu waadaa ati Ba'aasii mootii biyya Isaa'elii woliin qabdu diigi» jedhee nama itti erge.

4Wolda'aadeer waan mootichi Aasaan jedheen maarre jedhee ajajoota loltoota ufii gara qachoota Israa'elii erge; isaanillee Giyooniin, Daaniin, Abeelmaayimiimii fi mana meesha'aa ka biyya Niftaalemii maraa dhayanii qabatan.

5Ba'aas haga waan kana dhagaye qachaa Raama'aa ijaaruu dhiise; hujii sanillee hin dhaabsise.

6Mootichi Aasaan namoota Yihuuda'aa maraa wolitti qabee mukaa fi dhagaa dura qachaa Raama'aa ittiin ijaara'aa ture san guursisee Geeba'aa fi Mitsiphaa ittiin ijaare.

Haanaanii Raatticha

7Hennaa san Haanaani raattichi gara Aasaa mootii biyya Yihuuda'aa dhaqee, «Ati mootii biyya Sooriya'aa waan hedatteef, Rabbii Waaqa kee waan hin hedanneef duultonni biyya Sooriya'aa si harkaa yaa'an

8Namoonni biyya Itoophiya'aatii fi namoonni biyya Liibiya'aa duultota hedduu, gaarii fardaa hedduu fi worra farda yaabbatee lolu heddu qabaniimii? ati waan Rabbiin hedatteef Rabbi akka ati isaan mooyattu godhe;

9Rabbi waan hennaa maraa nama onneen isaa qulqullu'uu laaluuf ati amma waan hujii gowwumma'aa hojjatteef lolli si hin dhiisu» jedheen.

10Dubbiin inni dubbate mooticha Aasaa waan aarseef raatticha haada sibiilaatiin hidhee mana hidha'aatitti isa galche; hennaa san irraa jalqabee mootichi Aasaan banii keessaa namoota tokko tokko garaa itti jabaatee guddisee miidha'aa ture.

Dhuma Bara Bulchiinsa Mootii Aasa'aa(Mot. 1ffaa 15:23-24)

11Wonti mootichi Aasaan bara ufii bulchu hojjate jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka mootota Israa'eliitii fi ka biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

12Mootichi Aasaan mooyee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti luka dhibamee dhibeen sun itti jabaate; garuu ogeeyyii qorichaa barbaadate malee Waaqa hin barbaadanne.

13Aasaan mooyee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e;

14reeffa isaa siree irra ciibsanii urgooftuu gara garaa ka ogeeyyiin wolitti qaban itti godhanii hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaala ufii tolfate keessatti awwaalan; waan kabajjaa isaa gudda'aatiif qoraan guddisanii wol irra tuulanii bobeessan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help