Raajii Daani'eelii 12 - Kitaaba Woyyuu

Bara Dhumaa

1Maleekkaan mudhata naa ibse deebi'ee akkana naan jedhe, «Bulchaan maleekkotaa guddaan Mikaa'el ka banii kee eegu hennaa san hin mudhata; hennaa fiixaan namaa uumame irraa jalqabee rakkoo guddaa mudhatee hin beennetu ta'a; garuu hennaa san baniin biyya keetii ka maqaan isaanii kitaaba Rabbii irratti barreeffame hin fayyan.

5Achiin maayessa namoota lamaa ka laga gamaa fi gamana dhaabataniiran arge.

6Isaan keessaa tokko uffata diimaa dhiilgee haphii uffatee maleekkaa qaccee lagaa gubaa dhaabateeruun «wonti nama maalalchiisu kun raawwatu'uuf hagam tura? jedhee isa gaafate.

7Maleekkaan uffata diimaa dhiilgee haphii uffatee qaccee lagaa gubba'aan dhaabateeru harka ufii lamaan gara sami'ii ol badhisee «maqaa Waaqa baraa haga bara baraatii woggaa sadihii fi ji'a jahaa tura; rakkoon banii Rabbii irra gayu hennaa dhaabate wonti kunniin maruu hin raawwatama» jedhee kakate.Mudh. Yoh. 10:5; 12:14

8Ani waan maleekkaan dubbate maraa hin dhagaye; ammo naa hin galle; kanaafuu «Gooftaa kiyya! bu'aan waan dhuma maraatuu maal ta'inna?» jedhee isa gaafadhe.

9Innillee, «Daani'eel! haga dhumti adunya'aa gawuuf dubbiin dubbii raagaa dhossaa ta'ee waan turuu barbaachisuuf ati ka'ii deemi.

10Namoonni hedduu gingilfamanii qulqullaayanii bayanii worra mudaa hin qabne ta'an; worri hammeeyyiin ammo womaa waan hin qaabanneef hammeenna irratti hammeenna eda'a'aa deeman; worri dandeettii waa hubatu'uu qabaatan ogeeyyii calla'a.Mudh. Yoh. 22:11

11Hennaa ciincaan hennaa maraa dhiyaatu akka addaan citee battummaan badi'ii badaan raawwatamu godhame irraa jalqabee guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi sagaltamatu lufa.Dan. 9:27; 11:31; Mat. 24:15; Mar. 13:14

12Guyyoonni kuma tokkoo fi dhibba sadihii fi soddomii shanii haga lufanitti namni amantii ufii eeggatee jiraate eebbifama'a.

13«Atillee Daani'eel! haga dhumaa amanamumma'aan jabaadhuu jiraadhu; achiin maayessa hara baafattaa; akkaataa kanaan yoo duute du'aa kaatee guyyaa dhumaatitti gatii ulfinna keetii argattaa» jedhee naa deebise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help