Pheexroosii Ka 1ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Dhagaa Jireennaatii Fi Banii Woyyuu

1 Efe. 4:22; Yaq. 1:21 Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii,

2Ibr. 5:12-13 Gooftaan arjaa ta'uu isaa mi'eeffattanii yoo jiraattan akka gara fayyinnaa ittiin guddattan,

3akka daa'imman amma dhalattee aannan soxxuutitti dubbii Rabbii ka dhara hin qabne dharra'aa'a.

4 Far. 118:22; Mat. 21:42 Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee; ka Rabbiin biratti ammo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa,

5Efe. 2:21-22; Rom. 12:1 Isinillee akkasuma akka dhagaa jiraata'aa taatanii Yesuus Kiristoosiin keessaa ciincaa Ayyaanaa ka Rabbiin gammachiisu dhiyeessu'uuf gadoota woyyuu akka taatan mana jireenna Ayyaanaa ta'u'uuf ijaaramaa'a.

6 Isa. 28:16; Rom. 9:33 Kitaaba keessatti,

«dhagaa bu'uura ijaarsaa filatama'aa fi

ka gatii guddaa qabu Tsiyooniin keessa dhaaba.

Namni isatti amanu tokkollee hin saalfatu» jedhamee barreeffameera.

7Hu. Er. 4:11; Far. 118:22 Eegasuu

ulfinni isin worra amantaniif;

worra hin amannee ammo,

«Dhagaan ogeeyyiin mana ijaaran gatan sun,

dhagaa bu'uura ijaarsaa,

dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e»

8 Isa. 8:14-15 Isaan worra hin amanne waan ta'aniif dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan.

9 Ser. Ba'u. 19:5-6; Kes. Deb. 4:20; 7:6; 14:2; Isa. 43:20-21; Mudh. Yoh. 1:6; Efe. 5:8; Tit. 2:14 Isin ammo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.

10Hose. 1:6,9; 2:1,23; Rom. 9:25 Isin duraan banii isaatii miti; amma ammo banii Rabbii taataniirtan. Isin duraan worra araara argatee miti, amma ammo araara argattaniirtan.

Hojjattoota Rabbii

11 Far. 39:12 Goshoota tiyya! biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha.

12Mat. 5:16 Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.

13 Rom. 13:1-7; Tit. 3:1 Goofta'aaf jedha'aatii worra baallii qabu maraafuu ajajamaa'a; mooti'iillee yoo ta'e baallii guddaa waan qabuuf,

14bulchaallee yoo ta'e worra hamaa hojjatan adabu'uuf worra waan mishaa hojjatan galatoonfachu'uuf mootii moototaa biraa waan ergamaniif isaanii ajajamaa'a.

15Waan mishaa huja'aa gowwoota waan faayidaa hin qabne hojjatan akka cadhisan taasisuun fedha Rabbii waan ta'eef.

16Gal. 5:13 Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a.

17Rom. 12:10; Mam. 24:21; Mat. 22:21 Nama maraa kabajjaa'a, obboleewwan jaaladhaa'a, Rabbiin sodaadhaa'a, mootii kabajjaa'a.

Fakkeenna Rakkinna Kiristoosii

18 Efe. 6:5; Tit. 2:9 Garboota! Isinillee worra isin bulchan misha'aaf gara laafeyyii callaa uduu hin taane akkasuma worra hammeeyyi'iillee sodaa gudda'aan isaanii ajajamaa'a.

19Namni dharaan rakkoon irra gayu; Rabbiin yaadata'aa gadda ufii san yoo obse hin galatoonfama. Mat. 5:10

203:14,17; 4:13-14,16 Isin cubbuu hojjattanii gad qabamtanii yoo obsitan galata maal qabdan? Haa ta'uu ammo waan mishaa gootanii yoo rakkinna isin irra gaye obsitan waan kanaaf Rabbi isin eebbisa.

21Mat. 16:24; Yoh. 13:15 Wonti waamamtaniif kana waan ta'eef akkasuma Kiristoosiin faanaa akka deemtaniif fakkeenna isinii ta'ee waan keessaniif waan rakkinni isa irra gayeef.

22Isa. 53:9; Yoh. 8:46; Qor. 2ffaa 5:21 Inni sirima cubbuu hin hojjanne; sobnillee afaan isaa keessa hin jiru.

233:9; Isa. 53:7 Hennaa isa arrabsan deebi'ee hin arrabsine, hennaa isa rakkisanillee inni namatti hin baananne. Waaqa qajeellumma'aan murtii kennutti dabarsee uf kenne malee.

24Isa. 53:5; Rom. 6:11,18 Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan.

25Isa. 53:6; Yoh. 10:11,14 Isin akka hoolota karaa irraa baddee taatanii turtan. Amma ammo gara tisse'ee fi eedduu lubbuu teessanii deebitaniirtan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help