Kitaaba Faaru'uu 12 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Gargaarsa Rabbii Ittiin KadhatanFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatitti kenname ka saddeetesso'oon faarfatan.

1Yaa Rabbi! waan namni amanamaan tokkollee hin jirreef

yabo'oo na gargaari;

fiixaa namaa keessaa namoonni amanaman dhabamaniiran.

2Soba wolitti qaaqan;

arraba sobaatii fi garaa lamaan dubbatan.

3Afaan soba dubbatu maraa;

arraba dubbii baay'issu;

Rabbi haa balleessu.

4Kunniin, «Afaan keennaan mooyanna;

arrabni keenna; gooftaan keenna eennu?» worra jedhu.

5Rabbi garuu,

«Rakkoo hiyyeeyyi'itii fi iyya worra rakkattootaatiif

amma hin ka'a; nagaya isaan dharra'aniin isaan jiraachisa» jedha.

6Dubbiin abdi'ii ka Rabbii amanama'a;

akka birrii sunsuma ibiddaatiin harka torba baffameetitti qulqullaaye.

7Yaa Rabbi!

ati hennaa maraa nu eedda;

namoota hamaa bara kanaa jalaa nu baafta.

8Wonti hamaa ta'e namoota biratti yoo jajame,

namoonni waan hamaa hojjatan maruu gara isaanii deddeebi'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help