1Yaa Rabbi! waan namni amanamaan tokkollee hin jirreef
yabo'oo na gargaari;
fiixaa namaa keessaa namoonni amanaman dhabamaniiran.
2Soba wolitti qaaqan;
arraba sobaatii fi garaa lamaan dubbatan.
3Afaan soba dubbatu maraa;
arraba dubbii baay'issu;
Rabbi haa balleessu.
4Kunniin, «Afaan keennaan mooyanna;
arrabni keenna; gooftaan keenna eennu?» worra jedhu.
5Rabbi garuu,
«Rakkoo hiyyeeyyi'itii fi iyya worra rakkattootaatiif
amma hin ka'a; nagaya isaan dharra'aniin isaan jiraachisa» jedha.
6Dubbiin abdi'ii ka Rabbii amanama'a;
akka birrii sunsuma ibiddaatiin harka torba baffameetitti qulqullaaye.
7Yaa Rabbi!
ati hennaa maraa nu eedda;
namoota hamaa bara kanaa jalaa nu baafta.
8Wonti hamaa ta'e namoota biratti yoo jajame,
namoonni waan hamaa hojjatan maruu gara isaanii deddeebi'an.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.