1Kunoo Gooftaan;
Rabbi Gooftaan banii maraa;
Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa
jajjabeennaa fi gargaarsa ufii,
gargaarsa nyaataatii fi ka bisaanii maraa hin dhooggata;
2Jannaa fi loltuu;
ka murteessuu fi raatticha;
ka falfala hojjatuu fi jaarsa;
3bulchaa loltuu shantamaatii fi ka baallii qabu;
gorsa'aa fi ka ogummaa harkaa qabu
qaro'oo fi morticha hin buqqisa.
4Ijoollee masakkoota isaanii taasisa;
daa'imman hin bilchaannetu isaan bulcha.
5Baniin ufumaa wol cunqursa;
namni nama irratti; hiriyyaan hiriyyaa ufii irratti;
ka'imni jaarsa irratti;
tuffatamaan ka ulfinna qabu irratti ka'a.
6Namni mana abbaa ufiititti;
obboleewwan ufii keessaa tokko qabee;
«ati waan uffata qabduuf bulchaa nuu ta'i;
tuulaa waan diiggamee kana bulchi» jedhaan.
7Inni garuu guyyaa san laagaa ufii ol qabatee,
«Ani furmaata hin ta'u;
mana kiyyaa uffataa fi nyaata hin qabu;
masakkaa bani'ii na hin taasisinaa» jedha.
8Yerusaalem tittimteerti;
Yihuudaanillee kufuu dhiyaatteerti;
dubbiinii fi wonti isaan hojjatan maruu
ka Rabbiin mormu;
ka argamuu ulfinna isaa salphisu.
9Fuulli isaanii isaanitti raga;
cubbuu ufii hin dhoffatan;
akka Soodomii addaataa dubbatan;
waan badii ufitti fidaniif
isaan hobbaasi!
10Balchoonni akka waan mishaa argatan
isaanitti himi;
waan daraaraa harka ufii nyaataniif.
11Yakkamtoota isaan hobbaasi; badi'itu isaanitti dhufaa;
waan hujii harka ufii argataniif.
12Dargaggeeyyiin banii kiyya cunqursan;
dubartoonni isaan bulchan;
Banii kiyya! masakkoonni kee si dogoggorsaniiran;
karaa kee irraa si deebisaniiran.
Rabbi Bani'itti Murteesse13Rabbi teessoo murti'ii irra taa'eera;
banii ufiititti murteessu'uuf ka'eera.
14Rabbi
bulchootaa fi manguddoota bani'ii woliin
akkana jedha'aa murtee kenna;
«hulee woyini'ii kiyya ka balleesse isin;
wonti isin hiyyeeyyii saamtan
mana keessanitti argama;
15Banii kiyya yoo rakko'oon butuchitan;
yoo hiyyeeyyii guddiftanii gaddisiiftan;
maal jechuu keessan?»
jedha Gooftaan;
Rabbi Gooftaan banii maraa.
Dubartoota Yerusaalemii Gorsan16Rabbi akkana jedha,
«Dubartoonni Tsiyoonii boonaniiran
morma ol qabatanii;
ijaan nama dhaya'aa deeman.
deemsa ufii jijjiiratanii;
faaya lukatti godhatan laagaa dhageessisan.
17Kanaaf Gooftaan sammuu dubartoota Tsiyoonii irratti;
dhukkuba mataa moleessu fida;
Rabbi mataa isaanii duwwaa godha.
18Guyyaa san Gooftaan faaya isaanii ka ulfinnaa isaan harkaa fuudha; Bitoo isaanii ka lukaa, faaya mata'atti godhatan, faaya mormaa ka ji'a fakkaatu,
19worqii gurraa, laakkaa harkaa, waan fuulatti haguuggatan,
20waan mata'atti maratan, qudhaama, shaashii, bilillee urgooftu'uu, hirboora,
21qubeewwan qubaatii fi qubeewwan funyaanii,
22Shinshinii bareedu, uffata keessaan uffatan, kaabbaa, qaraciitii harkatti qabatan,
23uf argaa'a, uffata jirbii mishaa irraa hojjatame, faaya mata'aa, waan ijaan dhoffatan maraa isaan irraa fuudha.
24Bikka urgooftu'uu, waan ajaayu;
bikka hanfalaa misha'aa, haada;
bikka sijjaa bareeda sirri'itti dhayamee, mataa moluu;
bikka uffata bareeduu, uffata gaddaa;
bikka bareeddinnaa, gadaannisa ta'a.
25Dhiirti teessan guraade'een,
loltoonni teessan woraanaan dhuman.
26Balballan Tsiyoonii hin gaddan;
akka dubartii waa dhabdee teettee boottuuti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.