1Bulchoota Israa'elii keessaa namoonni gari gariin gorsa na gaafachu'uuf dhufanii na afoo taa'an;
2Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe,
3«Ilma namaa! namoonni kunniin onnee ufii waaqolee tofama'aa kennaniiran; yakki isaanii isaan afo'otti akka gufuu ta'u godhaniiran; haga wonti kun ta'een maayessa fedha kiyya na gaafachuun kolbaa?»
4Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; «Banii Israa'elii keessaa worri onnee ufii waaqolee tolfama'aa kennanii fi ka waaqa tolfamaa ufii waaqeffatuun isaanii akka gufuu isaanitti ta'u godhaniiran; namoonni kunniin yoo ka gara raattichaa dhufan ta'e ani Rabbi haguma baay'inna waaqolee tolfama'aatiin deebii gayaa isaanii deebisa.
5Wonti ani waan kana godhuuf onnee worra Israa'elii ka ana dhiisanii gara waaqolee tolfama'aa deeman maraa deebisu'uuf.
6«Kanaafuu ati banii Israa'eliitiin ‹Rabbiin maraa olii akkana jedha; waaqolee tolfamaa keessan dhiisa'aatii aagii galaa'a! hujii badaa keessan ka nama gufachiisu maraa irraa deebi'aa'a!» jedhi.
7Worra Israa'elii keessaa namni tokko yookaan worra ormaa ka isaan keessa jiraatu keessaa namni tokko ana irraa fooyamee waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uun yoo ka cubbuu hojjatu ta'ee akka yakki isaa sun gufuu isatti ta'u godhee ammallee deebi'ee gorsa gaafachu'uuf gara raattichaa yoo ka dhufu ta'e ani Rabbi deebii isaa kenna!
8Ani isa xiinxallee akka isa adabanii fi akka isatti baldan godha; banii kiyya keessaa isa balleessa; achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beettan.
9«Raattichi tokko yoo waa isa gaafatanii inni deebii sobaa deebisu'uuf ta'e ani Rabbi akka inni waan san godhu ittuma dhiisa; yoo inni waan kana godhe banii Rabbii keessaa isa balleessa.
10Raattichinii fi namni waa isa gaafachu'uuf dhufu isaan lachuu adabbii wol fakkaatutu isaan irra gaya.
11Ani wonti waan kana godhuuf akka baniin Israa'elii ammaa achi karaa na bira geessu hin dogoggorree fi akka lammata yakka ufii maraanuu uf hin batteessineef; yoo kanaan jabaatanii dhaabatan ani Waaqa isaanii ta'a; isaanillee banii kiyya ta'an» jedha.
Noohi, Daani'eelii Fi Iyyoobi12Rabbi akkana naan jedhe,
13«Ilma namaa! baniin biyya tokkoo ana amantii dhabee yoo cubbuu hojjate ani midhaan nyaatan isaan dhooggadhee beelaan isaan adaba; namootaa fi busaawaa hin ajjeessa.
14Namoonni sadiin sunniin Noohi, Daani'elii fi Iyyoob faatinuu yoma isaan keessa jiraatanillee isaan mishummaa ufiitiin ka hambisuu danda'an lubbuma ufii calla'a; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
15Ani biyyattii sanitti bineensa ergee akka biyyattiin sun nama dhabduu fi akka eennullee isii keessa lufuu hin dandeennetti biyyattii san ona taasisa.
16Ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef yoma namoonni sadihii sunniinillee achi jiraatan isaan lubbuu ufii malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an; biyyattiin ona taati.
17Garuu biyyattii sanitti woraana fidee namootaa fi busaayaa meeshaa waa balleessuun akka badan yoo godhe,
18Ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef yoma namoonni sadihii sunniinillee achi jiraatan lubbuu ufii malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an» jedha Rabbiin maraa olii.
19«Yookaan biyyattii sanitti balaa buusee akka lola kiyyaan lubbuun namoota hedduutii fi busaaya'aa badu godha.
20Kanaafuu ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef Noohi, Daani'eelii fi Iyyoob yoma isaan keessa jiraatan lubbuma ufii hambifatan malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an» jedha Rabbi Gooftaan.
21Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Bani'ii fi busaayaa maraa balleessu'uuf woraana, beela, bineensaa fi dhukkuba balaa babbadaa arfan kanniin isaaniin balleessu'uuf Yerusaalemitti fida.Mudh. Yoh. 6:8
22Garuu ijoolleen dhiiraatii fi ta intalaa worri achii bayee hafu hin jiran; isaanillee gara keessan dhufan; isin hennaa jireenna isaaniitii fi hujii isaanii argitan rakkoo Yerusaalemitti fide, waan hamaa isaanitti fide maraa irraa hin jajjabaattan;
23Jireenna isaaniitii fi hujii isaanii yoo argitan hin jajjabaattan; woma tokkollee duwwamaan akka hin goone hubattan» jedha Rabbiin maraa olii.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.