1Ogummaan mana ijaaratte;
utubaawwan torbaa boccee dhaabatte.
2Mirgoo qaltee daadhii woyini'iillee naxxee
waan nyaataa qopheessite.
3Garboota ufii ta intalaa ergite,
qachaa keessatti hulee gooddaa irra dhaabattee waamte,
4Isiin, «Worri hubannaa hin qabne maruu garana koottaa'a!» jette,
5«Koottaa'a, dhiyana kiyya nyaadhaa'a;
daadhii woyini'ii kiyya ka naqellee dhugaa'a!
6Karaa keessan ka gowwumma'aa dhiisaa'a;
jireennaan jiraattanii,
karaa hubanna'aa irra deddeebi'aa'a.
7Namni nama baldu gorsu arraba ufitti fida;
namni nama hamaa xixu maruu hin salphata.
8Nama baldu hin xixin si jibbaa;
nama ogeessa gorsi si jaalataa.
9Nama ogeessa barsiisi;
caala'atti ogeessa ta'aa;
nama qajeelaa barsiisi beekkumsa eda'ataa.
10Rabbiin sodaachuun ogummaa jalqabaati;
woyyicha beekuunillee hubanna'a.
11Woggaan kee waan naan dheeratuuf;
umuriin jireenna keetiillee sii eda'ama.
12Yoo ogeessa taate bu'aa keetiif;
yoo ka uf jajjuullee uf miita.
13Dubartiin ogummaa hin qabne odeessitu'u;
isiin ta adabaa fi beekkumsa hin qabne.
14Isiin balbala mana ufii afoo shafaxamtee teetti;
qachaa keessatti gooba irra teessuma irra teetti.
15Worra karaa san lufan;
worra karaa ufii qabatanii deeman waamti.
16Isiin worra waa bikkuun jalaa hanqateen,
«Isin worri hubannaa hin qabne maruu
garana koottaa'a» jetti.
17Bisaan hannaa hin mi'aaya;
buddeenni dhossanii nyaatan namatti tola.
18Isaan garuu worri du'an akka achi jiran;
worri affeeraman gad fageenna xiillaa asaabaa keessa
akka jiran hin beekan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.