Gara Filimoona'aa 1 - Kitaaba Woyyuu

1 Efe. 3:1; 4:1 Phaawuloosii waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamee fi obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa obboleessa keenna jaalatamaa nu woliin hojjatu Filmoona'aa fi

2Qol. 4:17 Obboleettii teenna Afibiyaa, Arkiphaa nu woliin loltuu ta'eef, woldaa Kiristaanaa ta mana isaa keessa jirtuuf,

3Rom. 1:7; Qol. 1:2 Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u.

Jaalalaa fi Amantaa Filmoona'aa

4 Filph. 1:3-4; Efe. 1:15-16; Rom. 1:8 Gooftaa Yesuusiin biratti, woyyoota maraa biratti waan jaalalaa fi amantii keetii dhagayee,

5Qol. 1:4 Kadhaa kiyya keessatti si yaadata'aa hennaa maraa Rabbii kiyya hin galatoonfadha.

6Gal. 5:6; Filph. 1:9 Tokkummaa amantii keetii ka nu biraa qabdu waan mishaa maraa beeku'uun waan Yesuus Kiristoosiitiin akka daraaraa godhattu Rabbiin sii kadhadha.

7Qor. 2ffaa 7:4 Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan hara baafateef; obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera.

Phaawuloos Onismoosiif Kadhate

8Kanaafuu waan godhuu si barbaachisu akka gootu si ajaju'uuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin hagamillee yoo ugga qabaadhe,

9Xim. 2ffaa 1:8 Ani jaarsi Phaawuloos ammallee akkasuma Yesuus Kiristoosiif jedhee hidhame jaalalaaf jedhee si kadhadha.

10-11 Qor. 1ffaa 4:15; Qol. 4:9; Gal. 4:19 Waan ilma kiyyaa Onismoosii ka ani hennaa mana hidha'aa jiru akka inni Kiristoositti amanuuf Dubbii Nagayaa itti himee Kiristoositti amane saniif si kadhadha. Inni dura nama si hin fayyanne ture; amma ammo anaa fi sillee hin fayyada.

12Ani isa erga; inni nama yaada garaa kiyyaa guutu waan ta'eef simadha'aan.

13Filph. 2:30 Hennaa ani mana hidha'aa jiru bikka kee akka na gargaaruuf uf biratti isa hambifachuu barbaade.

14Qor. 2ffaa 9:7; Phex. 1ffaa 5:2 Garuu uduu siin hin mari'anne waan tokkollee godhuu hin barbaanne.

15Kanaafuu maal laataa inni haga hennaa diqqo'oo si irraa fooyamee waan tureef amma ufitti fudhadhuu qabiin; maal laataa ammaa achi akka garbichaa hin ta'u.

16Xim. 1ffaa 6:1-2; Efe. 6:5 Ati ammaa achi akka garbichaatitti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattuu eega naaf jaalatamaa, ta'e sii ammo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a.

17Eegasuu akka hiriyya'aatitti yoo na laakkofte akka na simattutti isallee simadhu.

18Inni waan tokkoonillee yoo si yakkee jiraate, yoo liqaan isa irra jiraate,

19Gal. 6:11; Tas. 2ffaa 3:17 liqaa isaa san ana irratti laakkayi! Ani Phaawuloos, «Liqaa san hin deebisa» jedhee harka kiyyaan sii barreessa. Kanaa achi atuu Kiristoosiin keessaan liqaa kiyya akka taate sitti himuu na hin barbaachisu.

20Obboleessa kiyya! Maqaa Goofta'aatiin waan kana naa godhi; Kiristoosiin keessaan garaa naa qabbaneessi.

21Anillee akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekee ajajamuu keellee abdadhee kana sii barreessa. Kanaa achi Rabbi kadhaa keessan dhagayee,

22Filph. 1:25 ani gara keessan deebi'ee akka dhufu waan abdadhuuf, hulee itti hara baafadhu naa qopheessi. Achumaan waan kadhata keessaniitiif jedhee Rabbi isinii na kenna jedhee waan hedadhuuf.

Nagaya Dhumaa

23 Qol. 1:7; 4:12 Ephafiraan maqaa Yesuus Kiristoosiitiif jedhee hidhameeru,

24Hu. Er. 19:29; 27:2; Qol. 4:10,14; Xim. 2ffaa 4:10-11 Maarqoosiin na woliin hojjatu, Arisxirookoos, Deemaasii fi Luqaasillee nagaya sii dhaamaniiran.

25Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haa ta'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help