Raajii Hisqeelii 19 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Gaddaa

1Rabbi faaruu booyaa akka abboota murti'ii ka Israa'eliitiif faarsu natti hime;

2Haati tee leencan keessatti akka leenca dhala'aa jirti!

isiin leencan darmii keessatti boona'aa

ilmoolee ufii guddifatte.

3Ilmoolee ufii keessaa tokko kunuunsitee guddiftatte

inni darmii ta'ee dhadhooluu baratee nama nyaachuu jalqabe.

4Baniin isatti iyyee

boolla ufii qotan keessatti isa qaban;

funyoo funyaanitti godhanii

harkisa'aa gara biyya Misirii fidan.

5Isiin akka karoorri isi'ii hin taane argitee hennaa abdii kutte

ilmoolee ufii keessaa ka biraa tokko fuutee

kunuunsitee guddiftee leenca darmii goote.

6Inni leenca kaawwan woliin deemuu jalqabee

leenca darmii ta'e;

dhadhooluu baratee nama nyaachuu jalqabe.

7Kushee isaanii hin caccabse, qachoota isaaniillee hin diige;

hennaa inni aaddu

namoonni biyyattii keessa jiraatan maruu hin soda'aan hollatan.

8Baniin maruu hulee maraa dhufanii isatti ka'anii

woshaadoo isa jalatti badhisanii

boolla ufii qotan keessatti isa qaban;

9Haadaan isa qabanii mana siibo'oo keessa isa kaayan;

gara mootii Baabilooniillee hin fidan;

akka laagaan isaa lammata tulloota Israa'elii irratti hin dhagayamne

mana hidha'aa isa galchan.

10Haati tee akka biqiltuu woyini'ii ka bisaan biratti dhaabaniiti;

isiin sababaa bisaan gayaa argatteef

biqiltuu woyini'ii ka dame'ee fi daraara'aan guuttamte taate.

11Dameen isi'ii waan jajjabaa ta'eef,

haga uleen mootummaa irraa argamutti guddate

biqiltuun woyini'ii bosona jaamaa caalaa guddate;

ol dheeratee damee hedduu kaawwan woliin mudhate.

12Garuu dheekkamsaan hiddaan buqqa'ee lafatti gad kufe;

bubbeen lafa gammoojji'ii ka gara baya biiftu'uutii ka'u isa gosse;

daraaraan isaallee hin harca'e;

dameen isaa jajjabaanillee gogee

ibiddaan gubate.

13Amma garuu hulee bisaan hin jirre

lafa gammoojji'ii keessatti dhaabame.

14Jirma biqiltuu woyini'ii keessaa ibiddatu baye;

dame'ee fi daraaraa isaa maraa ibiddatu gube;

dameen isaanii lammata waan hin jabaanneef

ulee mootumma'aa ta'uu hin danda'an;

eeganaa faaruun gaddaa ka irra deddeebi'anii faarfatan kana;

innillee booyaaf nama fayyada.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help