1Waan kanaan maayessa Muuseen bani'iin akkana jedhe, «Seera fi murtii ani isin barsiisuu fi isin ajaju maraa eegaa'a; yoo waan kanniin eeddan lubbu'uun jiraattanii; Rabbi Waandhi abboota teessan ta durii lafa isinii kennu'uuf waadaa gale isin dhaalchisa.
2Ajaja Rabbii keessanii ka ani isinitti hime hin eeddan malee dubbii ani isin ajaje irratti dubbii biraa hin edaatan; isa irraallee womaa hin dhidhiftan.
3Namoota Bi'eelfaagooriin hordofan maraa Rabbi isin jiddu'uu akka balleesse; waan Rabbi bi'eelfaagooriin irratti godhe ijji teessan argiteerti;Seera Akka Waaqolee Tolfamaa Hin Waaqeffanneef Kenname
15Hennaa Rabbi gaara Kooreebii irraa ibidda keessaan isinitti dubbate, bifa isaa sirima waan hin argineef guddisa'aa uf eegaa'a.
16Akka hin battoofne fakii waan bocamee, bifa waan gara garaa ka akka fakii dhiira yookaan bifa intalaatiin hojjatame irraa uf eegaa'a.
25«Ijoolle'ee fi ijoollee ijoollee teessanii uumattanii yoo bara baay'e'eef Ardii irra jiraattan, yoo fakii bifa gara garaatiin bocame godhattanii karaa irraa gortanii battooftan, waan badaa Rabbii Waaqa keessan aarsu yoo isa afo'otti hojjattan,
26lafa san dhaalu'uuf Yoordaanosiin ceetanii biyya itti galtan san irraa daddaaftanii akka dhumattan ani adha ardi'ii fi samii isin irratti rageessisa; isinillee sirimaa hin baddan; woggaa dheeraallee irra hin jiraattan.
27Rabbi orma keessa isin bittinneessa; orma Rabbi keessa isin jiraachisu keessatti banii hagoo taatan.
28Achitti waaqa tolfamaa ijaan hin argine, ka gurraan hin dhageenne, ka waa hin nyaanne, ka hin ulane, ka mukaa fi dhagaa irraa harka namaatiin hojjatame waaqeffattan.
29Garuu achitti Rabbii Waaqa keessan soqattan; waan onne'ee fi qalbii keetiin soxxe maraa hin argatta.
30Hennaa wonti kun maruu si irra gayee rakkatte dhuma bara keetiititti gara Rabbii Waaqa keetii deebita; jecha isaallee hin dhageetta.
31Rabbi Waandhi kee Waaqa dhiifamsaa waan ta'eef si hin dhiisu; si hin balleessu; waadaa abboota keessaniif gale hin irraanfatu.
32«Nama Rabbi Waandhi Ardii irratti uume irraa jalqabee haga daangaa Sami'iitii haga daangaa isi'ii wonti akkanaa guddaan kun yoo waan dhagayameeru ta'e waan bara lufee namoota siin duraa gaafadhu.
33Ati Rabbi Waaqa ibidda keessaan sitti dubbate akkuma laagaa isaa dhageette baniin biraa dhagayee lubbu'uun hin jiraataa?
34Rabbi Waandhi keessan akkuma biyya Misiriititti ija teessan duratti isinitti mudhise qormaataan, baasaa fi maalale'een, duulaan, irree isaa ta jabaatteen, harka isaa dheera'aan, sodaachisaa gudda'aan, Rabbi banii biraa jidduu seenee banii ufii fudhachuu yaalee beekaa?
35Rabbi Waandhi kee akka Waaqa ta'e akka beettu kun sitti mudhateera isa malee Waandhi biraa hin jiru;Ibsa Waan Seera Rabbiitiif Kenname
44Seerri Muuseen ijoollee Israa'eliitii kenne kana.
45-46Muuseenii fi ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii haga bayaniin maayessa mootii worra Amoorotaa Seewooniin ka lafa Haseboonii keessatti dhayan laga Yoordaanosiitiin gama beeta Faagoorii lafa dhooqaa jiru biyya Misiriitii haga bayan seerri, ragaanii fi murtiin Muuseen ijoollee Israa'eliititti hime kana.
47Lafa isaatii fi lafa mootii Baasaanii Aagii ka Yoordaanosiin gama gara baya biiftu'uutiin jiruu fi lafa mootota Amoorotaa lamaanii ta daangaa,
48galaana Aarnoonii jirtu Aaro'eeriin irraa jalqabee haga Armooni'eemii gaara Seewoonii Yoordaanosiin gama.
49Gara baya biiftu'uutiin Araba maraa haga gaara Phiisga'aa jala jiru haga galaana Arabaa fudhatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.