Kitaaba Iyyaasu'uu 23 - Kitaaba Woyyuu

1Bara hedduun maayessa akkana ta'e; haga Rabbi Israa'eliin diintota naannoo isaanii jiran maraa irraa isaan hara baafachiiseen maayessa, hennaa Iyyaasuun nama guddaa ta'ee jaaretti,

2Iyyaasuun worra Israa'elii jaarsota isaanii, bulchoota isaanii, abboota murti'iitii fi worra isaan bulchan maraa ufitti waamee, «Ani nama guddaa ta'ee jaareera;

3isin waan Rabbi Waandhi keessan waan keessanii fi banii ormaa irratti godhe maraa argitaniirtan; Waan keessaniif ka isinii lole Rabbii Waaqa keessan kana;

4kunoo akkuma ani worra ormaa maraa balleesseen laga Yoordaanosiitii jalqabee haga galaana guddaa gara dhiyaatiin jiruu, gosa keessaniif akka ta'u lafa worra ormaa kanniin maraa hixa'aan isinii qoodeera;

5Rabbi Waandhi keessan isaan afoo keessanii hunna ufii jaba'aan ari'ee isaan bittinneessa; akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti dubbate lafa isaanii hin dhaaltan.

6Kanaafuu waan kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame akka eeddanii raawwattan guddisa'aa jabaadhaa'a; kana irraa bita'aa fi mirgaa hin gorinaa'a.

7Gara worra ormaa ka jidduu keessanitti hafaniiranii hin seeninaa'a; maqaa waaqa tolfamaa isaanii hin waaminaa'a, isaan hin kakatinaa'a, hin waaqeffatinaa'a, hin sagadina'aafille'e.

8Akkuma haga adhaa godha'aa turtan sanitti gara Rabbii Waaqa keessanii dhiyaadhaa male.

9Rabbi orma gugurda'aa fi jajjabaa isin afo'oo ari'ee baaseera; kanaaf haga adhaa eennullee isin hin dandeenne.

10Akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti dubbate ka isinii lolu isa waan ta'eef isin keessaa namni tokkochi nama kuma ari'a.Kes. Deb. 3:22; 32:30

11Kanaafuu isin Rabbii Waaqa keessan akka jaalattan guddisa'aa uf eegaa'a.

12Isin garuu yoo duubatti deebitanii worra ormaa ka isin jidduu jiru sanitti siixxanii isaan irraa fuutan, isaanillee yoo isin irraa fuudhan Rabbi Waandhi keessan haga isin biyyattii michuu tana keessaa baddanitti kufaati'ii fi sakaallaa, qilee isin itti kuftan dirra keessaniif akka shabbeena nama madeessuu, ija teessanitti akka qoree nama woraanuu isinitti ta'an malee,

13Rabbi Waandhi keessan ammaa achi orma kanniin sirima isin afo'oo ari'ee akka hin baafne beekaa'a.

14«Ani amma isin biraa gara garaa lafaa deema'aara isinillee waan Rabbi waan keessan waan mishaa jedhe maraa keessaa tokkollee akka hin hafne lubbuun teessanii fi onneen teessan haa beettuu; wonti isiniin jedhan maruu isinii raawwatameera; sanniin keessaa tokkollee hin hafne.

15Rabbi Waandhi keessan akkuma wonti mishaan inni dubbate maruu isinii ta'e akkasuma biyyattii michuu tana keessaa haga isin balleessutti waan badaa maraa isinitti fida.

16Yoo ajaja Rabbi Waandhi keessan isin ajaje diiddanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffattanii sagaddaniif, yoma san lolli Rabbii isin irratti bu'a; biyya michuu inni isinii kennu irraallee daddaftanii baddan» isaaniin jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help