Seera Leewwotaa 27 - Kitaaba Woyyuu

Kennaa Rabbii Dhiyaate Furachuu'u

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni kamuu yoo Rabbii nama kennu'uuf silatii qabe waan gatii nama sanii akkuma ati bikkitetti haa kennuu.

3Dhiiraaf umurii diddama irraa haga jahaatamaa akka madaala mana woyyumma'aatitti madaala saqilii shantamaatitti bikkamu haa ta'uu.

4Intalallee yoo taate saqilii soddomaa haa ta'uu.

5Woggaa shan irraa jalqabee haga woggaa diddamaa dhiiraaf saqilii diddama; intalaaf saqilii kudhan haa ta'uu.

6Ji'a tokko irraa haga woggaa shanii dhiiraaf madaala saqili'ii shan, intalaaf madaala saqilii sadihii haa ta'uu.

7Woggaa jahaatama irraa jalqabee achii ol dhiiraaf saqilii kudha shan, intalaaf saqilii kudhan haa ta'uu.

8«Waan gatii saniitiif waan kaffalu yoo dhabe ammo gadicha afoo haa dhaabatuu; gadichillee namicha silatii gale gatii haga inni baasuu haa bikkuu; gadichi waan gatii namicha silatii galee san haa bikkuu.

9«Ciincaan namichi Rabbii dhiyeessu yoo horii ta'e, wonti namni Rabbii dhiyeessu maruu woyyuu ta'a.

10Horii mishaa bada'aan; horii badaa ammo misha'aan hin jijjiirin; yoo horii hori'iin jijjiire inninii fi ka jijjiirame sunillee hin woyyooman.

11Horiin sun battaayee ka ciincaa Rabbiif hin taane yoo ta'e horii san gadicha afoo haa fiduu.

12Horiin sun badaa yookaan mishaa ta'uu gadichi haa bikkuu; akkuma gadichi bikke haa ta'uu.

13Yoo horii san furachuu barbaade haga gadichi bikke san irratti harka shanii haa eda'uu.

14«Namni Rabbii woyyoomu'uuf mana ufii yoo woyyoomse manni sun badaa ta'u'uuf mishaa ta'uu isaa gadichi haa laaluu; akkuma gadichi bikketti manni sun woyyooma.

15Namni mana woyyoome san yoo furachuu barbaade waan gadichi bikke san irratti horii harka shanii haa eda'uu; achiin maayessa manni ka isaa ta'a.

16«Namni ristii ufii keessaa yoo Rabbii woyyoomse gatiin isaa sun haga sanyii san lafti fudhachuu danda'uutiin haa bikkamuu; kunillee garbuu iifii diddamaatii fi saqilii shantamaa haa kaffaluu.

17Qonni sun woggaa Iyyoobeeliyu'uu irraa jalqabee yoo woyyoome gatii isaa maruma haa kaffaluu.

18Qonni sun woggaa Iyyoobeeliyu'uutiin maayessa yoo woyyoome gadichi gatii lafaa ka hafe bikkuma woggaa hafeetiin laakkayaaf; gatiin sunillee jalaa dhidhata.

19Namni qonna san woyyoomse yoo furachuu barbaade waan gatii lafti sun itti tilmaamamee dachaa shanii kaffalee lafti ta isaa haa taatuu.

20Yoo qonna san hin furanne yookaan yoo nama biraatitti gurgurate, lafa san deebi'ee furachuu hin danda'u.

21Qonni sun ammo woggaan Iyyoobeeliyu'uu yoo baye lafa woyyoomee Rabbii handhuurfame ta'a; ristiin sun ristii gadichaa ta'a.

22Namni yoo maasaa ristii ufii keessaa hin taane Rabbii woyyoome gadichi haga woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti gatii lafa sanii hin laakkayaaf;

23guyyaa san gatii san akka waan Rabbii woyyoomeetitti Rabbii kenna.

24Woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti qonni sun abbaa lafa gurgurate sanii deebiti.

25«Gatiin maruu akkuma madaala mana woyyu'uu ka sirrii ta'een bikkama; saqiliin tokko aboolii diddama.

26«Horii duraa ka ciincaa Rabbii dhiyaatu yoo waatii ta'e, yookaan hoolaa eennullee woyyoomsuu hin danda'u; hangafni ka Rabbii waan ta'eef.

27Horii battaayellee yoo ta'e akkuma gatii isaatiin haa furatuu. Waan gatii isaa irratti dachaa shanii godhee haa kaffaluu; yoo hin furanne bikkuma gatii isaatiin gurgurata.

28«Wonti Rabbii fooyame, ka Rabbiif handhuurame maruu nama yoo ta'e yookaan horii, qonna, ristii isaallee yoo ta'e kunniin hin gurguramu hin furamanille'e; wonti Rabbii handhuurame maruu woyyuu woyyootaati.

34Ajanyi Rabbi gaara siina'aa irratti Muuse'ee fi ijoollee Israa'elii ajaje kanniin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help