Kitaaba Faaru'uu 127 - Kitaaba Woyyuu

Galata Waan Arjummaa Rabbiitiif DhiyaateFaaruu Solomoonii ka moote'ee;

1Mana yoo Rabbi ijaare malee

worri mana ijaaru duwwama dadhaban;

qachaa yoo Rabbi eege malee

worri eegu duwwama dadhaban.

2Ganama obboro'oon ka'a'aa waan ittiin jiraatan argatu'uuf

xaara'aa galuun duwwa'a;

Rabbi namoota jaalatuu hirriba kenna;

waan isaan barbaachisu isaanii qopheessa.

3Daa'imman kennaa Rabbiiti;

daraaraan gara'aallee gatii isaati.

4Ijoolleen dhiiraa ta ka'imumma'atti uumatan

akka eboo harka loltu'uu keessa jirtuuti.

5Namni ijoollee akka ebo'oo taate tana qabu nama badhaadhe;

hennaa diintota ufii woliin wol mormu hin mooyatamu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help