Raajii Isaayyaasii 65 - Kitaaba Woyyuu

Murtii Fi Fayyummaa Rabbii

1Rabbi akkana jedha,

«Ani worra gargaarsa na hin gaafannetti mudhadhe,

worra na hin sondheef argame;

banii maqaa kiyya hin waamneen

‹ani as jira, ani as jira› jedhe.

2Banii fedha ufii hamaa duukaa bu'a'aa

worra karaa qajeelaa irra hin jiraanneef

harka kiyya badhise.

3Namoonni kunniin hulee biqiltuu itti dhaabanitti

ciincaa ciincessu'uuf

miya faaraa hojjatanii hennaa maraa hixaana aarsa'aa

na gaddisiisan.

4Isaan worra hulee awwaalaa jiraatan,

worra hulee dhossa'aa keessa jiraatanii fi

worra foon booyye'ee nyaatan;

shoorbaan foonii ka battaaye

meeshaa isaanii keessa jira.

5Isaan ‹Nu'u worra woyyuu waan taaneef

gara keenna hin dhiyaatinaa'a!› jedhan;

wonti kunniin waan dheekkamsa kiyya guddaa

akka ibidda guyyaa guutuu bobayuutitti worra bobeessan.

6Kun maruu na biratti galmaayeera;

ani dhugamaan gatii cubbuu keessaniitii fi

cubbuu abboota teessanii isinii kaffalu malee hin dhiisu.

7Rabbi akkana jedha,

«Waan isaan gaarran irratti ciincaa dhiyeessanii fi

waan maqaa kiyya hin kabajjineef,

waan yakka isaaniitii fi

waan yakka abboota isaaniitii

gatii isaanii maraa isaanii kaffala.»

8Rabbi akkana jedha,

«Daadhiin woyini'ii gaalee woyini'ii irraa

waan argamuuf

‹waan eebba qabduuf isiillee hin balleessinaa'a›

akkuma jedhamu

anillee akkasuma tajaajiltoota kiyyaaf jedhee

banii maraa hin balleessu.

9Yaaqoobiif ijoollee kenna,

Yihuudaa nama lafa gaarran kiyyaa dhaalu godha;

worri ani filadhe lafa san fudhatan;

tajaajiltoonni tiyya achi keessa jiraatan.

10Worra na soqatan Saarooniin,

hulee isaan hoolota itti bobbaafatan;

dhooqa Aakoorii garuu hulee horii itti tiffatan godha.

11Isin worra ana Rabbiin dhiiftanii

gaara kiyya woyyuu dagattanii

waaqa tolfamaa

‹hiree misha'aa› jedhamuu dhiyana qopheessitan;

waaqa tolfamaa ‹Milkii› jedhamuu

daadhii woyini'ii xuwwe'etti buuftan.

12Kanaafuu isin hennaa ani isin waame

na jalaa awwaachuu diddanii,

hennaa ani isinitti dubbadhe na caqasuu diddanii,

anaaf hamaa hojjachuu waan filattaniif

hireen keessan nama isin ajjeesu jalatti jilbiiffachu'uun

guraade'een du'uu calla'a.

13Kanaafuu Rabbi Gooftaan akkana jedha,

«Tajaajiltoonni tiyya hin nyaatan,

isin garuu hin beeloftan,

isaan hin dhugan; isin garuu hin dheebottan;

tajaajiltoonni tiyya hin gammadan;

isin garuu hin saalfattan.

14Tajaajiltoonni tiyya waan gara'aan gammadaniif

hin faarfatan;

isin garuu waan gara'aan gadditaniif

hin boottan;

waan keessi keessan cabeef

banne banne jettan.

15Ani Rabbi Gooftaan du'aaf dabarsee isin kenna;

maqaan keessan banii ani filadhe biratti

ka abaarame ta'a;

tajaajiltoota tiyyaaf garuu

maqaa addaa kenna.

16Waan rakkoon duraanii irraanfatamee

ija kiyya afo'oo dhokateef

biyya keessatti namni eebba kadhatu

ana maqaa Rabbii amanama'aatiin kadhata;

biyya keessatti namni kakatullee

ana maqaa Rabbii amanama'aatiin kakatan.»

Uumama Haarawa

17Rabbi akkana jedha,

«Ani samiiwwan haarawaa fi

ardii haarawa uuma;

wonti armaan dura ture maruu hin irraanfatama;

hin qaabataman.

18Ani Yerusaalemiin akka gammaddu,

baniin isi'iillee akka gammadanii burraaqan waan godhuuf

baraa haga bara baraa gammada'aa burraaqaa'a.

19Ani Yerusaalemii fi banii kiyyatti hin gammada;

achiin maayessa booyichaa fi

laagaan badi'ii hin jiraatu.

20Ka daa'imumma'atti du'u sirima hin jiraatu;

jaarsi uduu umurii ufii hin fixanne du'u hin jiru;

namni umurii woggaa dhibbaatitti du'u

akka waan ka'imumma'atti du'eetitti waan laakkayamuuf

namni umurii woggaa dhibbaatitti du'u

akka waan nama abaarameetitti laakkayama.

21Baniin kiyya mana ijaaratee keessa jiraata;

biqiltuu woyini'iillee dhaabanii daraaraa isaa nyaatan.

22Mana isaan ijaaratan ka biraa itti hin galu;

waan isaan dhaaban maraa ormi hin nyaatu;

baniin kiyya akka mukaa umurii dheeraa jiraatan;

baniin ani filadhe waan itti dadhabanitti

bara dheeraa gammadan.

23Hujiin isaanii duwwaa hin ta'u;

ijoolleen isaaniitii fi

ijoolleen ijoollee isaanii waan Rabbi eebbiseef;

isaan wonti ijoollee uumataniif

akka badiin isaan irra gawuufii miti.

24Uduu isaan na hin kadhanne ani isaanii deebisa;

uduu isaan hin faateffanne isaanii dhagaya.

25Yeyyiinii fi ilmooleen hoolotaa woliin dheedan;

leenci akka sanga'aatitti buraa nyaata;

bofni biyyee nyaata;

isaan gaara kiyya woyyuu irratti womaa hin miidhan;

womaa hin balleessan»

ka waan kana dubbate ana Rabbi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help