1Waan kanniin maraan maayessa Rabbi Abrahaamiin qoree akkana jedheen, «Abrahaam!» jedhee waame; Abrahaamillee, «Yaa; kunoo as jira!» jedheen.
2«Ilma kee tokkocha jaalattu Yisaaqiin qabii gara biyya Mooriya'aa dhaqii gaara ani sitti mudhisu irratti ciincaa godhii naa dhiyeessi» jedheen.
3Abrahaam ganama obboro'oon ka'ee qoraan ciincaa ittiin ciincessu baqassee harree ufiititti fe'atee hojjattoota ufii lamaanii fi ilma ufii Yisaaqiin fudhatee gara hulee Rabbi itti mudhisee deeme.
4Guyyaa sadeesso'ootitti Abrahaam ol jedhee hulee dhaqa'aaru san fago'otti arge.
5Kanaan maayessa Abrahaam hojjattoota ufiitiin «Harree qabadha'aatii as turaa'a; anii fi ilmi kiyya achi deemnee Rabbii sagannee deebinaa» jedhe.
6Abrahaam qoraan ciincaa ittiin ciincessan ilma ufii Yisaaqitti baachisee innillee ibiddaa fi billawa harkatti qabatee woliin deeman.
7Yisaaqi abbaa ufii Abrahaamiin, «Aabbaa!» jedhee waame; abbaanillee «Yaa ilma kiyya» jedheen. Ibiddaa fi qoraan qabanneerra; hoolaan ciinca'aa hoo meeti?» jedheen.
8Abrahaamillee, «Ilma kiyya! hoolaa ciinca'aa Rabbitu qopheessa» jedheen; isaan lachuu woliin deeman.
9Hulee Rabbi jedheen san haga gayan Abrahaam achitti hulee ciincaa itti ciincessu hojjatee qoraan irratti darabeessee ilma ufii Yisaaqiin hidhee qoraan irra ciibse.» jedhama.
15Ammallee maleekkaan Rabbii Sami'ii Abrahaamiin waamee
16«Ani maqaa kiyyaan sii kakadha; ‹Guddisee si eebbisa› waan ati ilma kee tokkocha na hin dhoogganneef.
19Kanaan maayessa Abrahaam gara hojjattoota ufii deebi'e; achii ka'anii gara Beersaabeehii dhaqanii achi jiraatan.
Hortee Naakoorii20Haga wonti kunniin ta'een maayessa Milkaan obboleessa kee Naakooriif ijoollee deette jedhanii Abrahaamitti himan.
21Isaanillee ka hangafaa Uus, obboleessa isaa Buuz, abbaa Aaraamii Qaamu'eel,
22Kaazaat, Hazoo, Fiildas, Dilaafii fi Baatu'eeliin fa'a.
23Baatu'eel Ribqaa uumate; Milkaan namoota saddeetii kanniin obboleessa Abrahaamii Naakoorii deette.
24Reehimaan Naakoor mata gala itti galu Xibaahi, Ga'aam, Tahashanii fi Maksaaniin deette.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.