Seera Laakkobsaa 31 - Kitaaba Woyyuu

Worra Miidiyaamiitiin Lolan

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Waan worri Miidiyaamii ijoollee Israa'elii yakkaniif ati ijoollee Israa'eeliitiif haluu bayi; achiin maayessa atillee hin duutaa»

3Kanaafuu Muuseenillee bani'iin, «Waan worri Miidiyaamii Rabbitti ka'aniif isin keessaa namoonni lolaaf haa hiriiranii; worra Miidiyaamii haluu bayu'uuf haa deemanii;

4gosa ijoollee Israa'elii maraa keessaa gosa gosaan namoota kuma tokkoo duula ergaa'a» jedhee isaanitti hime.

5Worra Israa'elii keessaa gosa gosaan namoonni kuma kudha lamaa gosa gosaan namoota kuma tokkoo worra lolaaf hiriiran kennan.

6Muuseen gosa maraa keessaa namoota kuma tokko tokko gara lolaa erge; isaanii fi Finihaasii ilma El'aazaarii gadichaallee gara lolaa erge; meeshaa mana woyyu'uutii fi xurumbaa afuufanillee itti kenne.

7Akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan worra Miidiyaamiitiin lolanii dhiira maraa ajjeesan.

8Worra du'an san woliin mootonni worra Miidiyaamii shanan Ewii, Roqom, Suur, Huurii fi Riibaan fa'allee hin du'an; ilma Bi'oorii Bala'aamiinillee guraade'een ajjeesan.

9Ijoolleen Israa'elii dubartoota worra Miidiyaamiitii fi ijoollee isaanii maraa booji'anii horii isaaniitii fi waan isaan qaban maraa saaman;

10Qachaa isaan keessa jiraatanii fi qe'ee isaan keessa jiraatan maraa ibiddaan guban.

11Namaa fi horii isaanii waan booji'an maraa saamanii fudhatan.

12Waan booji'anii fi namoota booji'an waan saamanii fudhatan maraa gara Muuse'ee gara gadicha El'aazaarii fi banii ijoollee Israa'elii laga Yoordaanosii biratti raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiruu biratti isaanitti fidan.

Worri Lolaaf Duulan Dacha'an

13Muuseenii fi gadichi El'aazaar bulchoota bani'ii maraa argu'uuf gandaan ala gara raasa'aa bayan.

14Muuseen bulchoota duulaa worra duulaa dacha'an worra loltuu kumaa ajajanii fi worra loltuu dhibbaa ajajanitti aaree dheekkame.

15Muuseen, «Isin maaf dubartoota hambiftan? jedhee isaan gaafate,

16kunoo kunniin sababaa Feegooriitii fi gorsa Bala'aamiitiin ijoollee Israa'elii irratti worra gufuu ta'anii Rabbiin yakkaniimii; kanaaf banii Rabbii irratti balaan dhufe.Ser. Lak. 25:1-9

17Amma ijoollee isaanii dhiira maraa ajjeesaa'a; dubartii isaanii ta dhiira woliin seebartellee ajjeesaa'a.

18Ijoollee durbaa ta hin heerumne garuu ufiif hambifadhaa'a.

19Isin keessaa ka nama ajjeesee fi ka reeffa tuqe maruu haga guyyaa torbaa raasaa haa jiraatuu; guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo dubartoota ufiif boojitan qulqulleessaa'a.

20Uffata, ka gogaa irraa hojjatamee fi ka rifeensa re'e'ee irraa hojjatame maraa, ka muka irraa hojjatame maraa qulqulleessaa'a»

21Gadichi El'aazaar namoota lolaa dacha'aniin, «Seerri Rabbi Muusee ajaje kana;

22worqi'ii fi birrii sibiila diima'aa, qorqoorroo,

23irsaasii'i, waan ibidda keessa lufuu danda'u maraa akka qulqullaawu ibidda keessa dabarsaa'a; achiin maayessa bisaan waan sanniin qulqulleessuun qulqulleessaa'a; waan ibidda hin dandeenne garuu bisaaniin qulqulleessitan.

24Guyyaa torbeesso'oo uffata keessan miicadha'aatii qulqullaayaa'a; achiin maayessa gara gandaa dhiyaattanii» isaaniin jedhe.

Gatii Waan Booji'aniif Kaffalamu

25Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

26Atii fi gadichi El'aazaar bulchoota abboota bani'ii woliin namaa fi horii booji'ame maraa laakkayaa'a.

27Waan booji'ame kanniin bakka lamatti qooda'aatii worra gara tokkoo worra duula dhaqaniif, ka lammeesso'oo garuu worra duula hin dhandheef qoodaa'a.

28Waan worra duula dhaqeef kennite sanniin keessaa namoota keessaallee, sangoota keessaa, harriin keessaa, tika hori'ii keessaa, dhibba shan keessaa harka tokko Rabbii gibira baasi;

29Gayee isaanii keessaa fuudhii kennaa Rabbii godhii gadicha El'aazaarii kenni.

30Gayee ijoollee Israa'elii keessaa namootaa sangoota keessaa, harriin keessaa, tika hori'ii keessaa, horii maraa keessaallee shantama keessaa harka tokko fuudhiitii Leewwota mana Rabbii keessatti tajaajilanii kenni» jedheen.

31Muuseenii fi gadichi El'aazaar akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan.

32Namoonni hiriira yaa'an waan booji'anii fudhatan keessaa wonti hafe hoolota kuma dhibba jahaa fi torbaatamii shan;

33-34Harriin kuma jahaatamii tokko, sangoonni kuma torbaatamii lama,

35durbi hin heerumnellee namoota kuma soddomii lama.

36worra duula dhaqeef gayeen isaanii qoodame hoolota keessaa hoolota kuma dhibba sadihii fi kuma soddomii torbaa fi dhibba shan;

37hoolota keessaa wonti Rabbii kenname hoolota dhibba jahaa fi torbaatamii shan.

38Sangoonni kuma soddomii jahaa fi dhibba shan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname sangoota torbaatamii lama.

39Harriinillee kuma soddomaa fi dhibba shan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname harriin jahaatamii tokko.

40Namoonnillee namoota kuma kudha jaha turan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname soddomii lama.

41Kanaafuu akkuma Rabbi Muusee ajaje gibira kennaa Rabbiif ta'u gadicha El'aazaarii kenne.

42Gayeen worra duulaaf hin yaaneef kenname gayee worra duula yaa'aniif kenname woliin wol qixa;

43gayeen worra duula hin yaanee hoolota kuma dhibba sadihii fi kuma soddomii torbaa fi dhibba shan;

44sangoonni kuma soddomii jaha;

45harriin kuma soddomaa fi dhibba shan;

46namoonni kuma kudha jahaa turan.

47Muuseen gayee ijoollee Israa'elii sa'aa nama keessaa shantama keessaa tokko akkuma Rabbi Muusee ajaje Leewwota tajaajila mana bulti'ii eeganii kenne.

48Kanaan maayessa worri worra loltootaa ajajanii fi bulchan gara Muuse'ee dhufanii,

49«Nu'u garboonni tee worra duula dhaqan ka harka keenna jiru maraa laakkofneerra; nu jalaa tokkollee hin dhidhanne;

50marti keennaa waan boojinee dhufne mi'a worqi'ii, bitoo lukaa, qubee harkaa, laakkaa, worqii gurraa, tabsee mormaa akka Rabbi nuu araaramuuf Rabbiif qabannee dhufneerra» jedhaniin.

51Muuseenii fi gadichi El'aazaar worqi'ii fi mi'a waan gara garaatiin hojjatame maraa isaan harkaa fuudhan.

52worqiin worri ajajjuun loltuu kumaatii fi worri ajajjuun loltuu dhibbaa Rabbii dhiyeessan saqilii kuma kudha jahaaf dhibba torbaa fi shantama ture.

53Namoonni duula yaa'an maruu waan booji'an san ufumaa fudhatan.

54Muuseenii fi gadichi El'aazaar worqii ajajoota loltuu kumaatii fi ajajoota loltuu dhibbaa irraa fuudhanii akka yaadannoo ijoollee Israa'eliitiif ta'u Rabbiin afoo gara daasee wol gayi'ii galchan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help