1Eelihu ammallee akkana jedhee deebise,
2«Isin ogeeyyiin dubbii kiyya dhagayaa'a;
isin beettonnillee na caqasaa'a.
3Akkuma arrabni mi'aa nyaataa dhadhamee adda baafatu;
gurri dubbii adda baafata.
4Waan sirrii ta'e haa filannuu;
waan mishaa woliin haa barannuu.
5Iyyoob ‹Ani yakka hin qabu;
Rabbi garuu dhugaa na dhooggate;
6Yoo hagamillee nama dhuga'aa ta'e akka sobdu'uutitti laallame;
uduu yakka tokkollee hin qabaatin,
madaa hin fayyineen rakkata'aara› jedheera.
7«Nama kamtu akka Iyyoobii balda akka bisaaniititti dhuga?
8goshoonni isaa hamaa hojjatan;
worri inni woliin oolullee worra hamaa hojjatu;
9‹Rabbiin gammachiisuun namaaf homaa hin fayyadu› waan jedheeruuf.
10«Kanaafuu isin namoonni waa hubattan na dhagayaa'a!
waan hamaa hojjachuun Rabbiin biraa,
dogoggorallee hojjachuun Waaqa maraa danda'u irraa haa fagaatu.
11Rabbi namaaf akkuma hujii isaatitti isaa deebisa;
akkuma deemsa isaatitti waan isa barbaachisu isaa kenna.
12Dhugamaan Rabbi waan hamaa hin hojjatu;
Waandhi maraa danda'ullee haqa hin dabsu.
13Ardii ka yaboo isatti kenne eennu?
eennu ka akka inni abbaa adunyaa kanaa ta'u isa muude?
14Rabbi yoo namatti gara galee Hafuura ufiitii fi
Hafuura namatti baafate san uduu deebifatee,
15silaa fiixaan namaa maruu hennama tokko bada;
gara biyye'ee deebi'a ture.
16Yoo nama qalbii qabu taate kana dhagayi;
dubbii kiyyallee caqasi.
17Namni haqa jibbu bulchuu danda'aa?
Rabbii gudda'aa fi qajeelaa yakkamaa gootaa?
18Eennullee mootichaan ‹ati yakkama'a›
worra baallii qabaniin, ‹isin hammeeyyi'i› jedhanii?
19Isaan maruu hujii harka isaa waan ta'aniif;
worra bulchanii hin dalamu;
nama dureessallee hiyyeessa caalchisee hin laalu.
20Isaan halkan wodhakkaa dimmama du'an;
baniin hollata'aa soda'aan badan;
Jajjabeeyyiinillee uduu harki eennuullee isaan hin tundhe badan.
21Ijji isaa deemsa namaa laalti;
tarkaanfii nama maraatuu hin tooyata.
22huleen worri hamaa hojjatan itti dhokatan;
dukkanni jaamaan sirima hin jiru.
23Namni Rabbiin afoo murti'iif dhiyaachu'uuf
haaganaan hin kennamuuf.
24Bulchoota gaafii malee caccabsee isaan hurreessa;
bikka isaanii ka biraa kaaya.
25Hujii isaanii hin beeka;
akka bututaniif halkaniin gara isaan gaggalcha.
26Uduu namoonni argan
sababaa hammeenna isaaniitiif isaan dhaya.
27Wonti inni waan kana isaan irratti godhuuf
waan isa duukaa bu'uu dhiisanii fi
ajaja isaallee waan tuffataniif.
28Hiyyeeyyii rakkisanii akka isaan Rabbitti iyyan godhaniiran;
Rabbillee iyya hiyyeeyyi'ii dhagayeera.
29«Yoo inni cadhise eentu isa ajiifata?
yoo fuula dhoffate eentu isa arguu danda'a?
Inni namaa fi bani'iillee oli.
30Kun wonti ta'eef akka hamaan banii hin bulchineef,
akka siiboo afoo isaanii hin diriirsineef.
31«Namni Rabbiin uduu akkana jedhee woyya,
‹Ani yakkama'a;
ammaa achi garuu hin yakku.
32Waan arguu hin dandeenne na barsiisi.
cubbuu hojjadhee yoo jiraadhe
deebi'ee hin hojjadhu›
33Eeganaa ati aagii galuu dida'aa,
yaada ati dhiyeessitu irratti
Rabbi akka dharraa kee sii raawwatu barbaaddaa?
34«Ogeeyyiin na dhagayan maruu
worri hubannaa qaban akkana naan jedhan,
35‹Iyyoob beekkumsa malee dubbate;
dubbiin inni dubbatu bu'aa hin qabu›
36Maal Iyyoob uduu haga dhumaa ataabamee!
Inni akka worra hammeeyyi'iititti deebii waan deebiseeruuf.
37Cubbuu ufii irratti diddaa waan dabaleeruuf;
nu jiddu'utti tuffi'iin waan harka dhayuuf;
Rabbiin tuffachuu waan baay'isuuf.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.