Kitaaba Iyyoobii 26 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Iyyoobii

1Iyyoobillee akkana jedhee deebise,

2«Kana dubbachuu keetiin dadhabaa waan gargaarte seetaa?

irree jabeenna hin qabne hagam oolchite?

3Ka ogummaa hin qabne hagam gorsite!

beekkumsa baay'ee hagam ibsiteef!

4Akka dubbii kana dubbattu eentu si gargaare?

Hafuura eennuutitu si dadammasse?

Deebii Baldaadoosii

5«Ekeraan worra du'anii galaana jalatti;

worra achi jiraatan woliin rom'a'aarana.

6Huleen ibidda asaabaa ka cubbamtoonni du'an jiran

Rabbiin afo'otti addaata'a;

wonti isii golgu hin jiru.

7Rabbi Samii gara kaabaa bakka duwwaa irra diriirse;

lafallee hulee duwwaa irratti diriirse.

8Rabbi duumessi akka bisaan qabatu godhe;

sababaa guddinna bisaaniitiin duumessi hin tarsaane.

9Duumessa diriirsee;

afoo teessoo ufii dhossa.

10Ifaa fi dukkana gara gara baasu'uuf;

galaana irratti daangaa badhifate.

11Hennaa Inni lolu utubaawwan sami'ii nayanii hollatan;

sababaa aarii isaatiin raafaman.

12Hunna ufiitiin galaana cadhisiisa;

ogummaa ufiitiin bineensa guddaa ra'aab jedhamu balleessa.

13Hafuura isaatiin samiiwwan bareedan;

harki isaa bofa filliidamaa woraane.

14Kunniin maruu waan Rabbi hojjate keessaa hago'o;

wontummaan dhageennullee hasaassima isaa calla'a.

hunna gigissaa isaa eennutu hubatuu danda'a?»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help