Kitaaba Faaru'uu 35 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Gargaarsa Rabbii Argachu'uuf FaateffatanFaaruu Daawitii

1Yaa Rabbi! worra na mormuun mormi;

worra naan lolaniin loli.

2Wontee gudda'aa fi diqqaa qabadhu,

na gargaaru'uuf ka'i.

3Worra na ari'anitti

ebo'oo fi guraadee kee luqqifadhu;

lubbuu tiyyaan, «Ka si oolchu ana» jedhi.

4Worra na ajjeessu'uuf na soqu maraa irra

salphinni haa gayu; haa salphatan!

worri na balleessu'uuf mari'atan maruu

mullanii duuba haa deebi'an.

5Isaan akka buraa bubbeen fuutee deemtuu haa ta'an;

maleekkaan Rabbii isaan haa ariitu.

6Hennaa maleekkaan Rabbii isaan ari'e;

karaan isaanii dukkanaa fi mucuca haa ta'u!

7Akkanumaan na balleessu'uuf siiboo dhossanii na jala dhaabaniiran;

sababaa tokko malee lubbuu tiyya balleessu'uuf boolla naa qotaniiran.

8Siiboon isaan hin beenne isaan haa qabu;

siiboon isaan dhaabanillee isaan haa qabu;

boolla ufii qotanitti kufanii haa badan!

9Lubbuun tiyya Rabbiin gammaddi;

waan isii fayyiseef hin burraaxxi.

10Lafeen tiyya maruu akkana siin jetti;

Yaa Rabbi! ka akka keetii eennu?

ka rakkataa saamtuu harkaa baaftu.

11Worri ragaa dharaa ragan hammeeyyiin natti ka'anii

waan ani hin beenne na gaafatan.

12Waan misha'aaf hammeenna naa deebisan;

anaa fi ijoollee tiyya adda kutan.

13Ani hennaa isaan dhukkubsatan uffata gaddaa uffadhe;

nafa kiyyallee soomaan miidhe;

kadhaan kiyya deebii hin arganne.

14Ani akkuma obboleessaa fi jaalalloo kiyyaa godhu

wirtaaya'aa booye;

akka waan haadha tiyyaa booyuutitti

gaddaan mataa gad qabadhe.

15Isaan garuu hennaa ani gufadhe wol gayanii gammadan;

dhartoonni dimmaa na irratti wol gayan;

hara baafannaa malee na cicciran.

16Akkuma womaa womte'ee

isaanillee na irratti balda'aa;

ilkaan natti ciniinnatan.

17Yaa Rabbi!

haga yoomii cadhiftee na laalta?

lubbuu tiyya hujii isaanii hamaa irraa,

lubbuu tiyya takkattii tana leenca jalaa oolchi.

18Rabbii kiyya gumii guddaa keessatti si galatoonfadha;

banii heddu jiddu'utti si jajadha.

19Diintota sababaa malee na jibban;

akka gammadan hin godhin;

na duuba deebi'anii akka qubaan na mudhisan hin godhin.

20Dubbiin nagayaa afaan isaaniitii hin bayu;

worra nagayaan biyya keessa jiraatanitti dhara xaxan.

21«Si baga! si baga! argineerra!»

jedha'aa afaan natti banatan.

22Yaa Rabbi!

ati waan kana argiteerta;

kanaafuu Gooftaa kiyya!

hin cadhisin; na irraa hin fagaatin.

23Gooftaa'a; Waaqa kiyya!

ka'ii na irraa dhooggi;

naa murteessi.

24Rabbi Waaqa kiyya!

akka balchummaa keetiititti

dhuga'aan naa murteessi

diintonni tiyya akka natti hin gammanne.

25«Kunoo wonti nu jenne gaye jedhanii

akka yaadan; nu isa mooyanneerra!»

akka jedhan hin taasisin.

26Worri sababaa rakkoo kiyyaatiif gammadanii xiinxallanii

na laalan maruu haa saalfatanii; haa dhama'anii;

worri natti uf jajan maruu

mullanii salphinna haa uffatan.

27Worri haqa argachuu kiyya jaalatan;

haa gammadanii; haa burraaqanii;

worri nagaya garbichaa jaalatu maruu hennaa maraa

«Rabbi gudda'a!» haa jedhanii.

28Arrabni kiyya balchumma'aa fi galata

guyyaa guutuu dubbata.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help