1«Namni qaamni saala isaa ka hormaataa tumame yookaan murame gara gumii Rabbii akka hin seenne.
2«Namni abbaa hin beekkamnee dhalate maruu haga dhaloota kudhanii gara gumii Rabbii seenee akka hin laakkayamne.
3«Gosa Amoonii, gosa Moo'aabii yookaan ka fiixaa isaanii ta'e maruu haga dhaloota kudhanii gumii Rabbii keessa seenee akka hin makamne;
4sababaanillee isin hennaa biyya Misirii keessaa baatanii karaa deema'aa turtan isaan midhaanii fi bisaan hin kenninu jedhanii akka isin dhooggatan waan hin daganneef, namni qachaa Mesephexoomiyaa ta paator jedhamtee waamantu keessa jiraata'aa ture ilmi Bi'oorii Bala'aam haa isin abaaru'uuf hori'iin qaxaree ture.
21«Hennaa Rabbii Waaqa keetiif woreega qabatte woreega galte san waan si irraa barbaaduuf cubbuu waan sitti ta'uuf henna'aan kaffaliif.Ser. Lak. 30:1-16; Mat. 5:33
22garuu yoo woreeguu baatte cubbuu sii hin qabu.
23Waan afaan keetiin dubbatte Rabbii Waaqa keetiif fedha keetiin waan woreega galteef waan afaan keetii baye raawwadhu.
24«Gara hulee dhaaba woyinii goshoo keetii yoo dhaxxe haga quuftutti woyinii san irraa nyaadhu; garuu woyinii san irraa womaa meesha kee keessa hin kaayin.
25Gara hulee qonna goshoo keetii hennaa dhaxxe asheeta harka keetiin murii nyaadhu; gara midhaan goshoo keetii ka hin haamamnee garuu seentee hin haamin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.