1Mootichinii fi Haamaan gara nyaachisa mootittiin Asteer qopheessitee dhaqan.
2Guyyaa lammeesso'ootitti mootichi uduu affeerraa daadhii woyini'ii irra jiru Asteeriin, «Mootittii Asteer! maal na kadhatta? sii kennamaa wonti feetu maali'i? wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii godhamaa» isi'iin jedhe.
3Mootittiin Asteer deebiftee mootichaan, «Mootii kiyya! si biratti yoo gaachena argadhee jiraadhe, yoo mooticha gammachiisa ta'e ani akka jiraadhu; baniin kiyyallee akka jiraatan haa ta'u,
4Anii fi baniin kiyya garbumma'atti gurguramuun keenna hanqatee badi'ii fi dhumti nutti murteeffameera, uduu garbumma'atti gurguramuu callaa ta'ee silaa hin cadhisa, sillee hin rakkisu ture» jette.
5Mootichi Arxeeksis mootittii Asteeriin, «Ka waan kana godhu'uuf gara'aan ugge eennu? eessa jiralle'e?» jedhee isi'itti dubbate.
6Asteerillee, «Haamaa diintichaa dharticha san» jette. Haamaan mootichaa fi mootittii afo'otti hin naye.
7Mootichillee aaree daadhii woyini'ii ka dhuga'aaru dhiisee ka'ee gara dawoo biqiltuu mana mootichaa keessa deeme. Haamaanillee mooticha biraa akka wonti hamaan itti yaadame waan beekeef lubbuu ufii hambisu'uuf mootittii Asteeriin kadhachu'uuf achumatti hafe.
8Mootichi dawoo biqiltu'uu keessaa gara affeerraa daadhii woyini'ii hennaa deebi'u, Haamaan siree Asteer irra jirtu irratti kufee ture. Mootichi, «Namni kun mana mootumma'aa kiyya keessatti, uduu ijji tiyya argitu, mootittii ugguu barbaadaa?» jedhee itti iyye. Akkuma wonti kun afaan mootichaatii bayeen yoma san worri qaamni uumataniin hin hojjanneef fuula Haama'aa dhossan.
9Isaan keessaa tokkochi hojjataan mootichaa ijoon ka Harboonaa jedhamu mootichaan, «Mootii'i! Haamaan bee Mardokiyoosii nama asiin dura du'a irraa si hambise fannisee du'aan adabu'uuf jirma dheerinni ciqilee shantamaa ta'u mana ufii keessatti qopheesseera.» jedhee dubbate. Mootichillee, «Haamaa fida'aa jirma san irratti fannisaa'a» jedhee ajaje.
10Kanaaf jirma Haamaan Mardokiyoosiin irratti fannisu'uuf qopheesse irratti fannifame; achiin maayessa aariin mootichaa hin qabbanaaye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.