1Rabbiin galatoonfachuun waan aaga!
Waaqa maraa olii!
maqaa keetiif faaruu faarfachuun misha'a;
2Ganama ganama araara kee,
halkan ammo waan dhugaa keetii dubbachuun misha'a.
3Kiraara sagalee guddaa dhageessisu;
ka miseensa kudhan qabuu fi
masiinqo'oon galata galchuun misha'a.
4Yaa Rabbi! hujii keetitti waan gammadeef;
waan hujii harka keetiitiif gammachu'uun faarfadha.
5Yaa Rabbi!
hujiin kee attamitti gudda'a!
yaanni keellee guddisee gad fago'o!
6Wollaalaan kana hin beeku;
gowwaanillee kana hin hubatu;
7Hammeeyyiin akka margaatitti yoo margan;
worri hammeenna hojjatan yoo lalisanillee;
baraa haga bara baraa badan.
8Yaa Rabbi!
ati ammo Waaqa guddaa maraa oliiti.
9Yaa Rabbi! diintonni kee hin badan;
worri dhara hojjatan maruu
hin bittinnaayan.
10Ati gaafa kiyya ammo akka gaafa Gafarsaatitti ol qabde;
dhadhaa oo'a'aan na dibde.
11Ijji tiyya hennaa diintonni tiyya salphatan argite;
gurri kiyyallee bututa worra na miidhanii dhagaye.
12Balchoonni akka muka meexxi'ii daraaran;
akka birbirsa libaanosii hardaaqan.
13Mana Rabbii keessa dhaabamaniiran;
bayima Waaqa keennaatitti babadhatan.
14Hennama dulloomanuu hin daraaran;
akkuma lalisanii fi jabaatanitti jiraatan.
15«Rabbi sirri'i;
Inni goda kiyya; isa bira mudaan hin jiru» jedhan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.