1Waadaan duraa ammo seera waaqeffannaa mana woyyuu adunyaa tanaa qabdi.
2 keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira.
5 woliin qabatee, «Waadaan dhiigaa ka Rabbi isinii ajaje kana» jedhee kitaaba seeraatii fi banii maraa irratti facaase.
21Ser. Lew. 8:15,19 Akkasuma daase'ee fi mi'a tajaajilaa marattuu dhiiga facaase.
22Ser. Lew. 5:11-13; 17:11; Efe. 1:7 Akka seeraatitti waan hago'oon ala wonti maruu dhiigaan qulqullaaya; uduu dhiinni hin jinne dhiifamsi cubbu'uu hin jiru.
Woreegamuun Kiristoosii Cubbuu Balleessa23 8:5 Eeganaa kunniin ka fakkeenna waan sami'ii ta'an martinuu waan kana mara caaluun qulqullaayuu isaan barbaachisa. Wonti samii jiru ammo, ufiifuu ciincaa kana caaluun qulqulleeffamuun giddi'i.
249:11; Yoh. 1ffaa 2:1 Kiristoos gara mana woyyuu ta harka namaatiin hojjatamte woyyittii fakkeenna dhuga'aa taatetti waan hin seenneef; haa ta'uu ammo inni amma Rabbiin afo'otti waan keennaaf mudhatu'uuf gara sami'ii isii keessa seene.
25Akka hayyoonni gadootaa dhiiga ufii uduu hin taane dhiiga biraa qabatee woggaa wogga'aan gara woyyittii woyyootaa seenu, inni hennaa hedduu uf dhiyeessu'uuf hin seenne.
26Uduu akkana ta'ee, uumama adunya'aatii jalqabee hennaa hedduu silaa rakkinni Kiristoosiin irra gaya; amma ammo dhuma adunya'aa irratti uf ciincaa godhu'uun cubbuu diigu'uuf hennaa tokko mudhateera.
27Namootaaf harka tokko du'uun, achiin maayiillee murtiin akka isaaniif murtaaye,
28akkasuma Kiristoosillee ammo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammeessoo deebi'ee isaanitti mudhata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.