1Yaa Rabbi! faatee kiyya dhagayi;
kadhaa kiyyatti lash hin jedhin.
2Gara kiyya laali; naa deebisi;
keessi kiyya nagaya dhabeera;
raafameera.
3Laagaa diinaatiin shibbiraaye;
dhaaduu hammeeyyi'iitiin naye;
rakkinna waan natti fidaniiraniif;
lolaan natti kakka'anii diina natti ta'an.
4Garaan kiyya sodaateera;
naasuun du'aallee natti dhufte.
5Soda'aa fi holluun na qabatte;
shibbiriinillee na liqimse.
6Ani akkana jedhe, «Maal uduu akka handari'ii koola qabaadhee!
silaa bararee deemee hara baafadha ture.
7Silaa baqadhee fagaadhee;
gammoojjii keessa tura.
8Haboonbolatti'ii fi kirfaffuu dheessee;
dafee gara hulee jiraadhuu gaya ture.
9Yaa Gooftaa'a!
dharaa fi raafama waan qachattii keessatti argeeruuf
bitaa isaanitti taasisi;
afaan isaaniillee wol jala dabarsi.
10Halkanii fi guyyaa dallayattii irra bayanii naannayan;
dhartinii fi rakkinni isii keessa jira.
11Badiin isii wodhakka'atti argama;
dabdinii fi sobni karaa isi'ii irraa hin dhabamu.
12Ka na riqu waan diina hin taaneef;
uduu ta'ee silaa hin obsaaf ture;
ka na jibbu; ka natti kooru;
diina kiyyaa miti;
uduu ta'ee silaa jalaa dhokadha.
13Garuu ka kana godhu si'i;
daraboo kiyya; hiriyyaa kiyyaa fi jaalalloo kiyya;
14mana Rabbii keessatti woliin
banii keessa deddeebine;
jaalala nama gammachiisu wolii qabna ture.
15Duuti uduu hin qaabanne dunnuu isaanitti haa dhuftu;
uduu lubbu'uun jiran asaaba haa bu'an;
waan hammeenni isaan jidduu jirtuuf.
16Ani garuu Rabbiin waamadha;
Rabbillee na oolcha.
17Galgala, ganamaa fi guyyaa
hin worwaadha; hin iyya;
innillee laagaa kiyya hin dhagaya.
18Worri mormi'iin natti ka'an
waan baay'ee ta'aniif;
lola natti aggaamamee
lubbuu tiyya nagayaan fura.
19Isaan jireenna ufii hin jijjiiranneef;
Rabbiinillee waan hin sodaanneef;
Waandhi dur irraa jalqabee teessoo irra jiru;
dhagayee isaan salphisa.
20Namni ani jaalalloo kiyya jedhu
worra jaalatutti karka ol fudhate;
waadaallee hin diige.
21Arrabni isaa dhadhaa irra laafa;
garaa isaa keessa garuu lolatu jira;
dubbiin isaa sayitii irra laafa;
garaan isaa ammo akka guraadee
qolaa luqqifameeti.
22Waan sitti ulfaafe Rabbiin irratti gati;
inni irkisee si qaba;
raafama balcha'aa sirima hin hayyamu.
23Ati ammo yaa Rabbi!
hammeeyyii gara boolla badi'ii buufta;
namoonni dhiiga dheebotanii fi namoonni soban
wodhakkaa umurii ufiituu hin jiraatan.
Ani garuu si abdadha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.