Mudhata Yohaannisii 16 - Kitaaba Woyyuu

Xuwwee Dheekkamsa Rabbii

1 15:5-7 Kanaan maayessa Maleekkota torbaan laagaa guddaa «Deema'aatii mijuu dheekkamsa Rabbii ardii irratti jissaa'a» jedhu mana woyyuu keessaa hennaa bayu dhagaye.

2 Ser. Ba'u. 9:9-10 Maleekkaan duraa dhaqee mijuu xuwwe'ee lafa irratti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruu fi namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye.

3 8:8; Ser. Ba'u. 7:17-21; Far. 78:44 Maleekkaan lammeesso'oollee mijuu xuwwe'ee galaana keessatti jisse; galaanni sunillee akka dhiiga nama du'ee ta'e; wonti galaana keessa jiru ka lubbuu qabu maruu hin du'an.

4Maleekkaan sadeesso'oollee mijuu lagaa fi burqaa bisaanii keessatti jisse; isaanillee dhiiga ta'an.

5Maleekkaan bisaaniillee,

«Gooftaa jirtuu fi ka turte,

woyyuu'u! akka kana waan murteessiteef,

ati qajeela'a;

6 18:24; Far. 79:3 Waan dhiiga woyyootaatii fi

raattotaa jissaniif;

Akkasuma dhiiga isaan obaafteerta.

Waan isaan barbaachisuuf!» jedhee yoo dubbatu dhagaye.

7 19:2; Far. 119:137 Waan kennaa irratti dhiyeessan keessaa,

«Ee, Waaqa Gooftaa maraa bulchitu,

murtiin kee dhuga'aa fi sirri'i» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye.

8Maleekkaan arfeesso'oo mijuu aduu irratti jisse; namootallee ibiddaan akka gubdu isi'ii kenname.

99:20-21 Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaaran; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine.

10 13:1-2; Ser. Ba'u. 10:21-22 Maleekkaan shaneesso'oo mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse; mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan.

11Waan hucuucamanii fi waan madaayaniif Waaqa sami'ii arrabsan. Hujii isaanii irraallee deebi'anii aagii hin galle.

12 9:14; Isa. 11:15; 44:27 Maleekkaan jaheesso'oollee mijuu laga guddaa Efraaxis jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge.

1312:3,9; 13:11; Ser. Ba'u. 8:3 Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge.

1413:13; 19:19 Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.

15 3:3,18; Mat. 24:43-44; Luq. 12:39-40; Tas. 1ffaa 5:2; Phex. 2ffaa 3:10; Qor. 2ffaa 5:3 «Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»

16 Abbo. Mur. 5:19; Mot. 2ffaa 23:29; Zakk. 12:11 Afaan Ibraayisxiitiin gara hulee «Armaageedoon» jedhamutti wol gayan.

17Maleekkaan torbeessoon mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame.

188:5; 11:13,19 Laagaan Bakakka'aatii fi gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafa irratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirima ta'ee hin beeku; kun maraa caale.

1914:8,10; Isa. 51:17,22-23; Erm. 25:15 Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachoonni worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta dheekkamsaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte.

206:14 Tulluun bisaaniin marfaman maruu hin dheessan; gaarranillee hin badan.

21Ser. Ba'u. 9:18,23; Mudh. Yoh. 11:19 Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e; balaan guddisee waan guddaa ta'eef namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help