Kitaaba Mootota ka 2ffaa 15 - Kitaaba Woyyuu

Mootii Yihuuda'aa Ooziyaa(Sen. 2ffaa 26:1-23)

1Iyyoorbi'aam mootiin Israa'elii mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti Azaariyaas ilmi Ameesiyaasii Yihuudaa irratti mooye;

2Hennaa mootii ta'u mucaa woggaa kudha jahaati; teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa shantamii lamaa bulche; haati isaa ta Yikooliyaa jedhamtu intala biyya Yerusaalemiiti.

3Akkuma abbaan isaa Ameesiyaas waan mishaa mara godhe innillee Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe.

4Garuu hulee itti sagadan ka tulloota gubbaa jiru waan hin balleessineef baniin hulee sagadaa ka tulloota gubba'aa sanniinitti ciincaa ciincessa'aa hixaana aarsan.

5Achiin maayessa Rabbi waan dhibee gogaa kukkutuun isa dhayeef inni haga du'utti dhibeen sun waan isa hin dhiifneef hujii maraa irraa dhooggamee mana addaa keessa hojja ufii jiraata'aa ture. Hennaa san bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamitu banii bulcha'aa ture.

6Wonti mootichi Azaariyaas hojjate maruu galmee seenaa mootota biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

7Azaariyaas du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamitu mootii ta'e.Zakkaariyaasii Mootii Israa'elii

8Azaariyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa soddomii saddeetesso'ootitti Zakkaariyaas ilmi Iyyoorbi'aamii Samaariyaa keessatti Israa'eliin ji'a jahaa bulche.

9Inni akkuma abboonni isaa Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan waan hamaa hojjatee cubbuu Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii hojjatee worra Israa'elii dogoggorse irraallee hin fagaanne.

10Shaaluum ilmi Iyyaabeesii mooticha Zakkaariyaasiin mala itti malee hulee Yibila'aam jedhamtee waamamtutti dhayee ajjeesee bikka isaa mooye.

11Wonti mootichi Zakkaariyaas hojjate galmee mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.

12Akka kanaan jechi abdi'ii ka Rabbi «Ijoolleen tee haga dhaloota afurii worra Israa'elii irratti hin mooyan jedhee Iyyuu raattichatti dubbate raawwatame.Shaaluum Mootii Israa'elii

13Ooziyaan mooyee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti ilmi Iyyaabeesii Shaaluum Samaariyaa keessatti ji'a tokko bulche.

14Minaaheen ilmi Gaadii Tersa'aa ka'ee gara Samaariya'aa dhaqee Shaaluumii ilma Iyyaabeesii dhayee ajjeesee bikka isaa mooye.

15Wonti mootiin Shaaluum hojjate dharti isaa galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.

16Minaaheen hennaa Tersa'aa ka'ee deemu namoota qachattii Tifisaahii keessa jiraatanii fi qachoota naannoo isi'ii jirtu maraa hin balleesse; sababaan inni waan kana godheef waan isaan harka kennachuu didaniif; kanaaf dubartoota ulfaallee uduu hin hambifne garaa tarsaase.

Minaahee Mootii Israa'elii

17Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa soddomii sagaleesso'ootitti Minaaheen ilmi Gaadii woggaa kudhanii Israa'eliin irratti Samaariyaa keessa taa'ee mooye.

18Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate; cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne.

19Mootiin Tiiglaat Pheeneseer Israa'eliin hunnaan qabannaan mootiin Minaaheen akka mootummaa isaa jabeessuu fi akka isa gargaaru saqilii giraama kuma tokko kennaa godhee Tiiglaat Pheeneseerii kenne.

20Minaaheen dureeyyii Israa'elii irraa birrii guuree Tiigla'aa kenne. Innillee birrii san fudhatee nagayaan gara biyya ufii deebi'ee gale.

21Wonti Minaaheen hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera;

22Minaaheen du'ee bikka isaa ilma isaa Faaqisiyaasitu mooye.

Faaqisiyaasii Mootii Israa'elii

23Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa shantameesso'ootitti ilmi Minaahe'ee Faaqisiyaas woggaa lamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin bulche.

24Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne.

25Ajajaan loltootaa Faaquheen ilmi Ramaaliya'aa namoota Gala'aadii woliin ta'ee dhara dhaye; gola mana mootumma'aa keessa seenee Faaqisiyaas, Argobiina'aa fi Haariyyee fa'a ajjeesee bikka Fagaahiya'aa mooye.

26Wonti Faaqisiyaas hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.

Faaquhee Mootii Israa'elii

27Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa shantamii lammeesso'ootitti ilmi Roomeeliyu'uu Faaquheen woggaa diddamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin bulche.

28Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne.

29Bara Faaquheen mootii Israa'elii ta'ee bulche mootiin Aasoorii Telgeltelfelsoor dhaqee Iyyooniin, Abeelbetima'aakaan, Yaanowaa, Qaadees, Aasoor, Gala'aad, Galiila'aa fi biyya Niftaalemii maraa qabatee gara biyya Aasoorii fide.

30Bara ilmi Ooziya'aa Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mooye woggaa diddameesso'ootitti ilmi Eela'aa Hoseen ilmi Roomeeliyuu Faaquhe'etti ka'ee dhayee isa ajjeesee bikka isaa mooye.

31Wonti Faaquheen hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.

Iyyoo'aataam Mootii Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 27:1-9)

32Bara Faaquheen ilmi Roomeeliyuu Israa'eliin irratti mooye woggaa lammeesso'ootitti ilmi Ooziya'aa Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mooye.

33Inni hennaa mootii ta'u ka'ima woggaa diddamii shanii ture; teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa kudha jahaa bulche; haati isaa Yeruus intala Saadooq uumate.

34Inni afoo Rabbiititti akkuma abbaan isaa Ooziyaan waan mishaa hojjate innillee akkasuma hojjate.

35Garuu hulee sagadaa ka tulluu irraa hin balleessine; baniin tulluma san irratti ciincaa ciincessa'aa hixaanallee aarsa'aa turan; inni balbala mana woyyuu Rabbii ka ol aanu hojjate.

36Wonti Iyyoo'aataam hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

37Rabbi duraan mootii Sooriya'aa Ra'aasoonii fi mootii Israa'elii Faaquhee hennaan akka isaan Yihuudaa irratti balaa buusan erge bara Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mootii ta'ee bulcha'aa ture ta'e.

38Iyyoo'aataam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aka'aazitu mooye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help