Yohaannisii Ka 1ffaa 3 - Kitaaba Woyyuu

Ijoollee Rabbii

1 Yoh. 1:12 Ijoollee Rabbii jedhamnee akka waamamnu, Aabba jaalala guddaa attamiitiin akka nu jaalate laalaa'a; kanaaf nullee ijoollee isaati. Adunyaan isa waan hin beenneef nu hin beettu.

2Rom. 8:16-17; Filph. 3:21; Qol. 3:4 Goshoota tiyya! amma nu'u ijoollee Rabbiiti; uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haa ta'uu ammo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.

3Ibr. 12:14 Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.

4Ka cubbuu hojjatu maruu waan hamaa hojjata. Cubbuun hammeenna.

5Yoh. 1:29 Inni cubbuu balleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru.

6Rom. 6:14 Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin argine hin beekuunille'e.

7Ijoollee tiyya! ennullee akka isin hin dogoggorsine akkuma inni qajeelaa ta'e, ka qajeellummaa hojjatu maruu qajeela'a.

8Yoh. 8:44 Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.

9Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.

10Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyee fi ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti.

Wol Jaaladhaa'a

11 Yoh. 13:34 Dhaamsi duraa ta dhageettan ta wol haa jaalannu jettu tana waan taateef,

12Ser. Uma. 4:8 Ta akka hammeennaan Qaa'el obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef; ka obboleessa isaa ammo waan qajeelaa ta'eef.

13 Yoh. 15:18-19 Obboleeyyan tiyya! adunyaan yoo isin jibbite hin maalalfatinaa'a!

14Yoh. 5:24 Nu worra obboleewwan keenna jaalatu waan taaneef kanaan du'aa gara jireennaa akka ceene beenna. Ka obboleessa ufii jibbu du'a keessa jira.

15Mat. 5:21-22 Ka obboleessa ufii jibbu maruu, namni nama ajjeesse maruu jireenni bara baraa isa keessa akka hin jirre hin beettan.

16Yoh. 15:13 Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teenna kennuu nu barbaachisa.

17Kes. Deb. 15:7 Haa ta'uu ammo qabeenna adunyaa tanaa uduu qabu hennaa obboleessi isaa waan isa barbaachisu dhabe argee garaa hin laafneef eennullee yoo ta'e, attamitti jaalalti Rabbii isa keessa jiraatti ree?

18Yaq. 2:15-16 Ijoollee tiyya! huji'ii fi dhuga'aan malee dubbi'ii fi afaan calla'aan akka wol hin jaalanne.

Abdii Rabbiin Woliin Qabnu

19-20Nu worra dhuga'aa akka taane, waan mataan keenna nutti murteessu maraa hin beenna. Isa afo'otti Rabbi waan onnee teenna caalaa guddaa ta'eef waa maraa hin beeka.

21Ibr. 4:16 Goshoota tiyya! onneen teenna yoo nu irratti hin murteessine ta'e, Rabbiin afo'otti ugga qabna.

22Ajaja isaa waan eennuuf, afoo isaatitti worra isa gammachiisu waan taaneef waan kadhannu maraa isa irraa arganna.

23Yoh. 13:34; 15:12,17 Ajanyi isaallee kana; akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuu fi akka wol jaalannuuf. Yoh. 6:29; 13:34; 15:12,17

244:13; Rom. 8:9 Ka ajaja isaa eegu maruu isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help