Seera Laakkobsaa 36 - Kitaaba Woyyuu

Ristii Dubartoota Heerumtee Kennan

1Gofti ijoollee Yooseefii, ilmi Minaase'ee, ilmi Maakirii, bulchoonni gosa ijoollee Gala'aadii dhufanii,

2«Muuse'ee fi bulchoota abboota ijoollee Israa'eliitiif lafa qoqqooddee akka hixa'aan isaanii kennitu si gooftaa keenna ajaje; obboleessa keenna Tsaloofihaadii ijoollee intalaa ta isaatiif akka kennitu Rabbi si ajaje.

3Garuu ijoolleen Israa'elii gosa biraa keessaa yoo heeruman lafti isaan qaban ka nama sanii waan ta'uuf hixaan lafa keennaa akka nu jalaa dhidhata'aaru beeki.

4Ijoolleen Israa'elii hennaa ayyaanni iyyoobeeliyuu gaye lafti isaanii hin eda'ama; lafti abboota isaanii garuu hin dhidhata» jedheen.

5Muuseen ijoollee Israa'elii akka jecha Rabbiititti akkana jedhee isaan ajaje «Gofti ijoollee Yooseefii dhugaa dubbatan.

6Wonti Rabbi waan ijoollee durbaa ta Tsaloofihaadiitiif dubbate kana nama ufii fedhanitti haa heerumanii; garuu nama gosa abbaa ufii calla'atti haa heerumanii;

7lafti gosa ijoollee Israa'elii gosa irraa gara gosa biraa hin lufin; ijoollee Israa'elii maruu gara lafa gosa abbaa ufii haa dhiyaatanii;

8Ijoolleen Israa'elii maruu lafa abbaa ufii dhaalu'uuf gofti ijoollee Israa'elii maruu durbi maruu nama gosa abbaa ufiititti haa heerumtuu.

9Akka kanaan lafti ijoollee Israa'elii gosa tokko irraa gara gosa biraa hin lufne; gofti ijoollee Israa'elii maruu gara lafa ufii haa dhiyaatanii;

10ijoolleen intalaa ta Tsaloofihaadii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan.

11Ijoolleen Tsaloofihaadii Maahilahi, Tirsaa, Eglaa, Milkaa fi Nuu'aa ijoollee obboleewwan abboota isaaniitiin wol fuudhan.

12Gosa ijoollee Minaase'ee ilma Yooseefiititti heeruman; lafti isaaniillee gosuma abbaa isaaniitii hafte.

13Seerrinii fi ajjanyi Rabbi raasaa Moo'aabii Iyyaarikoo bira laga Yoordaanosii biratti ijoollee Israa'eliitii fi Muuse'etti kenne kanniin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help