1Waan Isaayyaas ilmi Amootsii argee hime.
2Sammuu tulluuwwan barbadooftee irratti malkata
fannisaa'a;
sagalee keessan ol qabadha'aa iyyaa'a;
akka balbala abboota murti'iitiin seenan;
harkaan malkata kenna'aaf.
3Woyyoota tiyya ta mooteen kiyya isaan gammachiisu
hin ajaja;
dheekkamsa kiyya akka naa raawwataniif loltoota tiyya
waameera.
4Laagaa gaarran irratti akka woca banii hedduutitti
dhagayamu caqasaa'a;
laagaa wocaa ka akka banii hucuucamee
ta'ee dhagayaa'a;
Rabbi Gooftaan banii maraa;
loltoota ufii lolaaf hiriirseera.
5Rabbii fi meeshaan woraana dheekkamsa isaa;
lafa maraa balleessu'uuf;
biyya fago'oo;
daangaa samiiwwaniitii dhufaniiran.
6Guyyaan Rabbii waan dhiyaateeruuf booyaa'a;
Waaqa waa mara danda'u biraa badiin waan dhufuuf.
7Kanaafuu harki maruu hin laamshaya;
onneen nama maraatuu hin baxxi.
8Raafamni isaan qabata;
rakko'oo fi hucuucamatu isaan irra gaya;
akka dubartii ciniinsifattuutitti ciniinsifatan.
ija naasu'uutiin wol laalan
fuulli isaanii soda'aan gurraachata.
9Kunoo guyyaan Rabbii dhiyaateera;
lafa ona taasisu'uuf;
cubbamtoota isii keessa jiran balleessu'uuf
bala'aa fi dheekkamsa ufii jaba'aan dhufa.
10Urjiiwwan sami'iitii fi duultonni isaanii;
ifa hin kennan;
aduun akkuma baateen dukkanoofti;
jiini ifa hin kennu.
11Adunyaa hammeenna isi'iitiif
hammeeyyii cubbuu isaaniitiif adaba;
uf jajuu worra boonuu hin diiga;
uf tuuluu gar jabeeyyi'iillee hin salphisa.
12Nama worqii baffame caalaa mi'aa'a;
worqii oofeerii caalaa dharraa godha.
13Kanaafuu balaa Rabbii Gooftaa banii maraatiin;
hennaa dheekkamsi isaa bobayu;
samiiwwan sochoosa;
ardiillee hule'ee sochoosa.
14Akka kuruphee dhadhoolanii;
akka tika hoolotaa ka tissee hin qabnee;
namni maruu gara worra ufii deebi'a;
namni maruu gara biyya ufii dheessa.
15Ka booji'ame maruu hin woraannama;
ka qabame maruu billawaan dhuma.
16Uduu ijji isaanii argitu daa'imman isaanii cicciraman;
manni isaanii hin saamama;
dubartiin isaanii hin uggamti.
17Kunoo worra Meedoonii worra
meeti'ii hajaa hin qabne;
ka worqi'itti hin gammanne;
isaanitti kakkaasa.
18Buundheen isaanii dargaggeeyyii fixa;
daa'immanillee hin hambisu;
ijji isaanii daa'immanii garaa hin laafu.
19Baabiloonii mootota caalaa mi'a'aa;
boona worra Kalaadotaa taate;
Rabbi akka Soodomiitii fi Gamora'aa gara galcha.
20Baroota maraa keessatti lamuu ka isii keessa taa'u hin jiru;
Arabni achitti daasee hin dhaabatu;
tisseen horii ufii achi irra hin yaasu;
21garuu busaayaa lafa gammoojji'iititu achi irra ciciisa;
manniin jeedallaniin guuttama;
urunguuwwan achi keessa jiraatan;
Guchiiwwan, re'iin lafa gammoojji'iillee
achi keessa jiraatan.
22Woraabessi maandhee isi'ii keessatti;
mana isi'ii ka mootumma'aa keessaa
jeedallantu iyya;
barri isi'ii dhiyaateera;
guyyoonni isi'iillee hin dheeratu; turu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.