Kitaaba Iyyoobii 18 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Baldaadoosii

1Baldaadoos namni biyya shuha'aa akkana jedhee deebise;

2«Iyyoob! haga yoomii akkana dubbii guddifta?

mee nu caqasi nullee hin dubbannaa.

3Ati maaf akka busaaya'aatitti nu laalta?

maaf akka nama duudaa womaa hin beenneetitti nu laalta?

4Ati yoo loltellee uf miita malee

lola keetiin ardiin duwwaa hin taatu.

qarsaanillee hulee ufiitii hin socho'u.

5«Ibsaan nama cubbama'aa hin dhaama;

ifni isaa deebi'ee hin mudhatu.

6Ifni daasee isaa keessa jirullee hin dhaama.

ifni isaallee hin dukkanaaya.

7Tarkaanfiin nama jaba'aa dhiphata'aa deema;

kaayoon hammeenna isaallee isa kuffifti.

8Deemsa ufiitiin siiboo keessa seena.

lutti isaallee woshaadoo keessatti sakaallama.

9Siiboon koomee isaa qaba.

woshaadoonillee jabeessee qabaan.

10Lafa irratti qolaan diriireeraaf;

karaa isaa irratti woshaadoon qophaayeeraaf.

11«Naasuun naannoo isaa marseera;

duubaanillee isa ari'a.

12Hunni isaa beelaan dadhabeera.

badiin qophaayee isa eeggata.

13Dhukkubni nafa isaa fixa.

duuti isa fudhatti.

14Mana abdatee keessa jiraatu keessaa ari'ama.

gara du'a nama maraa fudhattuutitti fudhatama.

15Mana isaa keessatti womaa hin hafaniif,

dhagaa bobawutu mana isaa keessa firfirfama.

16Akka muka hiddi isaa goguutii fi

dameen isaa harca'uu ta'a.

17Lafa irratti namni isa qaabatu hin jiru.

gurri isaa lafa irraa bada.

18Ifa keessaa gara dukkanaa ari'ama;

jiraattota keessaa dhabama.

19Gosa ufii keessaa ka fiixaa isaa bakka bu'u hin argatu;

manuma isaa keessattillee fiixaan hin hafuuf.

20Worri baya biiftu'uutii fi worri dhiya adu'uullee

rakkoo isa irra gaye kana arganii nayanii hollatan.

21Dhumti worra hammeeyyi'ii hennaa maraa akkanuma;

Hireen nama Rabbiin hin sodaanneellee kanuma.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help