Kitaaba Faaru'uu 32 - Kitaaba Woyyuu

Cubbuu Himatanii Araara ArgachuuBarumsa Daawitii

1Namni cubbuun isaa dhiifameefii fi

ka yakki haqameef

attam eebbifama'a!

2Namni Rabbi cubbuu itti hin laakkofnee fi

ka fakkeessaa irraa fagaate ka eebbaati.

3Guyyaa guutuu waan wixxifata'aa ooluuf

hennaa cadhise lafeewwan tiyya hin balla'an.

4Halkanii fi guyyaa akka malee na adabde;

akkuma wonti jiidhaan oo'a bonaatiin gogu

hunni kiyya sirimaa na dhumate.

5Hennaa san cubbuu kiyya sitti himadhe;

yakka kiyyallee si jalaa hin dhoffanne;

balleessaa kiyya maraa sitti himachu'uuf murteesse;

atillee cubbuu kiyya maraa naa dhiifte.

6Kanaafuu woyyuun maruu;

hennaa rakko'oo si kadhata;

lolaan bisaan badi'ii yoo dhufe isa hin tuqu.

7Ati kushee kiyya;

waan hamaa jalaa na eedda;

ka na marse jalaa waan na baafteef

gammachuu gudda'aan si faarsa.

8Rabbi akkana jedheen, «Ani si barsiisa;

karaa ati deemtu sitti mudhisa;

si gorsa; si eega»

9Ati akka fardaa fi gaangee womaa hin hubannee hin ta'in;

isaan yoo fuulo'oo fi lugaamaan ufitti harkisan malee

gara keessan hin dhiyaatan.

10Rakkoon cubbamtootaa baay'e'e;

worra Rabbiin hedatu garuu

inni jaalala bara baraatiin golga.

11Isin balchoonni Rabbiin gammadaa'a;

usheexxaa'a

isin worri yaada qajeela'aa ililfadhaa'a!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help