Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 17 - Kitaaba Woyyuu

Iyyoosaafixi Mootii Biyya Yihuuda'aa Ta'e

1Iyyoosaafixi bikka Aasaa abbaa isaa mootii ta'ee banii Israa'eliitiin lolu'uuf hunna ufii jabeeffate;

2Qachoota abbaan isaa mootichi Aasaan baadiyyaa qabate, qachoota bulchiinsa Efreemii jala jiran marattuu loltoota ufii duulchise.

3Iyyoosaafixi waan mishaa mootichi Daawiti hojjate ka abbaan isaa duukaa bu'e waan hordofeef waan waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu hin waaqeffanneef Rabbi isa eebbise;

4Inni Waaqa abbaa ufii barbaade; ajaja isaa eege malee waan worri Israa'elii hojjatan hin hojjanne.

5Kanaafuu Rabbi mootummaan Iyyoosaafixii biyya Yihuuda'aa irratti akka jabaatu godhe; baniin biyya Yihuuda'aa maruu kennaa gara garaa qabatanii waan isaaf kenna'aa turaniif inni guddisee duroome.

6Inni onnee guutu'uun Rabbii hojjate; hulee waaqa tolfama'aa ka biyya gaaraa jiru ka worri Yihuudota hin taane waaqeffatuu fi fakii waaqa dubartii asheeraa jedhamtu ta biyya Yihuuda'aa keessa jirtu balleesse.

7Inni mooyee woggaa sadeesso'ootitti akka qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti barsiisaniif abboota murti'ii Beenihaayiliin, Abdiyaasiin, Zakkaariyaasiin, Naatinaa'elii fi Mikiyaasiin isaanii erge.

8Worra Leewwotaa keessaa Shamaayaa, Naataaniyaa, Zibaadiyaaniin, Asaaheel, Samiraamoot, Yoonaatiin, Adooniyaasiin, Xoobbiya'aa fi Xobaadoniyaa isaan woliin erge; worra gadootaallee Eelisaama'aa fi Iyyooraamiin isaan woliin erge.

9Isaanillee kitaaba seera Rabbii qabatanii qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessa deema'aa banii barsiisa'aa turan.

Ulfinna Iyyoosaafixi Qabu

10Mootonni naannoo biyya Yihuuda'aa jiran Iyyoosaafixiin irratti akka hin duulleef Rabbi sodaa isaanitti buuse.

11Worra Filisxeemii keessaa namoonni gari gariin birri'ii fi kennaa biraa mootii Iyyoosaafixii kennan; worri biyya Arabaa gari gariin garuu hoolota kuma torbaatii fi dhibba torbaa, korbeeyyii re'iinii kuma torbaa fi dhibba torbaa fidaniif.

12Iyyoosaafixi guddisee jabaata'aa durooma'aa deeme; biyya Yihuuda'aa maraa keessatti ijaarsaaf hulee meeshaa woraanaa itti kaayanillee ijaare.

13Qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti hujii guddaa hojjate; Yerusaalemiin keessa loltoota jajjaba'atu jira.

14Akkaataan laakkobsa isaaniillee akkaataa manniin abboota isaaniitiin bulchaan bulchoota biyya Yihuuda'aa Aadina'a; Isa woliin namoota jajjabaa kuma dhibba sadihiititu jira.

15Isaan maayessallee Yohaanaan namoota kuma dhibba lamaa fi saddeettamaa bulcha.

16Isaan maayessa ka fedha ufiitiin Rabbiif uf woyyoomse Amaasiyaa ilma Zikiriiti; inni loltoota jajjabaa kuma dhibba lamaa bulcha.

17Biyya Biiniyaamii keessallee nama jabaa Eeldaahe'etu bulcha; inni loltoota jajjabaa buundhe'ee fi wontee qabatan namoota kuma dhibba lamaa bulcha.

18Isaan maayessa Yoozaabaati worra jajjabaa lolaaf qophaayan namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettama bulcha.

19Loltoonni kunniin maruu worra Yerusaalemiin keessatti Iyyoosaafixiin gargaaran uduu hin dabalatin worra hojjatti isaa hojjatan turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help