Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 18 - Kitaaba Woyyuu

Eeliyaasii Fi Raattota Sobaa Ka Ba'aalii

1Hennaa dheera'aan maayessa woggaa sadeesso'ootiin maayii dubbiin Rabbii ka «Dhaqii Aki'aabitti mudhadhuu ani rooba roobsa jedhiin» jedhu gara Eeliyaasii dhufe.

2Eeliyaasillee Aki'aabitti mudhachu'uuf gara isaa dhaqe; hennaa san Samaariyaa keessa beela gudda'atu jira ture.

3Aki'aab bulchaa mana ufii Abdiyyuu waame Abdiyyu garuu nama guddisee Rabbiin sodaatu.

4Hennaa Eelzaabeel raattota Rabbii ajjeesisiifte inni raattota Rabbii namoota dhibbaa fuudhee shantama shantama godhee kushee itti ijaaree waa isaan nyaachisa'aa ture.

5Aki'aab Abdiyyu'uun «Hulee burqa'aatii fi hulee lanni jiru maraa dhaqii akka horii, farado'oo fi gaangiin hulee itti bobbaafannu maal laataa yoo ka argannuu laali» jedheen.

6Isaan lachuu hulee itti wol gayan mari'atanii Aki'aab karaa biraa; Abdiyyuunillee karaa biraatiin deeman.

7Abdiyyuun uduu karaa deemu Eeliyaasiin wolitti dhufan; Abdiyyuun isa beekee gad jedhee nagaya gaafatee «Gooftaa kiyya! Eeliyaas si'ii?» jedhee gaafate.

8Eeliyaasillee, «Ee ana; deemii gooftaa keetiin Eeliyaas argameera jedhi» jedheen.

9Abdiyyullee deebisee Eeliyaasiin «Ana garbicha kee cubbuu maal hojjadheera'aaf dabarsitee akka inni na ajjeesuuf Aki'aabitti na kennita?

10Mootichi si soqaa biyyi inni itti nama hin ergine akka hin jirre maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin sii kakadha; bulchoonni biyya inni nama itti ergee maruu akka si hin agarre yoo himan isaan kassiisa.

11Ati amma dhaqii Eeliyaas argame jedhii mootichatti himi naan jetta.

12Yoo ani diqqoo si biraa siiqe Hafuurri Rabbii fuudhee gara hulee ani hin beennee si fida; ani dhaqee akka ati as jirtu yoo isatti hime inni yoo dhufee asii si dhabe na ajjeesa; ani garbichi kee ijoollummaa kiyya irraa jalqabee guddisee Rabbiin sodaadha.

13Hennaa Eelzaabeel raattota Rabbii ficcisiifte, ani garuu raattota Rabbii namoota dhibbaa fuudhee shantama shantama godhee goda keessatti dhossee waa isaan nyaachisee bisaan obaasa'aa akka ture, waan ani godhe kana ati gooftaan kiyya hin beettuu?

14Eeliyaas argameera jedhii Aki'aabitti himi naan jetta; inni garuu yoo si dhabe na ajjeesa!» jedheen.

15Eeliyaas «Maqaa Rabbii jiraataa waan maraa danda'u ka afoo isaa dhaabadhuutiin kakadhe ani adha Aki'aabitti hin mudhadha» jedhee deebiseef.

16Abdiyyu dhaqee Aki'aabitti hime; Aki'aab Eeliyaasiin argu'uuf deeme.

17Aki'aab haga Eeliyaasiin arge «Namni Israa'eliin raasa'aaru si'ii?» Jedheen.

18Eeliyaas deebisee Aki'aabiin «Worri Israa'eliin raasu worri ajaja Rabbii didee waaqa tolfamaa Ba'aaliimiin waaqeffate si'ii fi mana abbaa keetiiti malee anaa miti.

19Ati amma nama ergii worra Israa'elii maraa raattota sobaa dhibba afuriitii fi shantamaa ka mana Eelzaabeeliitii waa nyaatan raattota sobaa dhibba afurii ka waaqa tolfamaa Ba'aaliin waaqeffatan hulee ciinca'aa ka Ba'aaliin irratti waaqeffatan gaara Qarmeloosii irratti qabii na bira isaan fidi» jedheen.

20Aki'aabillee nama gara ijoollee Israa'elii maraa ergee raattota sobaa maraa gaara Qarmeloosii irratti wolitti qabe.

21Eeliyaas gara bani'ii dhiyaatee «Isin haga yoomii yaada lamaan deemtan? Rabbi Waandhi yoo Waaqa ta'e isa waaqeffadhaa'a! yoo waandhi tolfamaan Ba'aal waaqa ta'e isa waaqeffadhaa'a!» jedhe; baniin garuu womaa isatti hin deebifne.

22Achiin maayessa Eeliyaas bani'iin «Raattota Rabbii keessaa ana calla'atu hafe raattonni sobaa ka ba'aalii garuu namoota dhibba afurii fi shantama.

23Eeganaa mirgoolee lamaa fida'aatii raattonni Ba'aalii mirgoo tokko fuudhanii qoraan wol irratti tuulanii isa irra haa kaayanii; garuu ibidda akka itti hin bobeessine anillee mirgoo lammeesso'oo fuudhee akkasuma godha.

24Achiin maayessa isin maqaa waaqa keessanii waamaa'a; anillee maqaa Rabbii waamaa ka dhagayee ibiddaan deebisu inni Waaqa haa ta'uu» jedhe; baniin maruu wonti kun waan misha'a jedhanii deebisaniif.

25Achiin maayessa Eeliyaas raattota Ba'aaliitiin «Isin waan baay'ee taataniif isin dura mirgoo tokko filadha'aatii qala'aa qopheessa'aa ibidda itti hin bobeessinaa'a, maqaa waaqa keessanii waamaa'a» isaaniin jedhe.

26Isaan mirgoo qalanii qopheessanii ganamaa haga guyya'aa Ba'aal nuu dhagayi» jedha'aa maqaa Ba'aalii waaman; hulee ciinca'aa irra naannaya'aa utaala'aa weeddisan; garuu laagaa tokkollee hin dhageenne, deebiillee hin arganne.

27Eeliyaas haga guyyaan wodhakkaa gaye isaaniin «laagaa keessan ol qabadha'aa waamaa'a maal laataa inni yaadaan qabameeraa yookaan karaa deemee fagaateera, yookaan yoo rafee jiraate dammassuu barbaachisa!» jedha'aa isaanitti balde.

28Kanaaf raattonni sobaa akkuma armaan dura godha'aa turan, haga dhiinni isaanii jigutti billawaa fi cuuphe'een nafa ufii mammadeessa'aa isa waama'aa turan,

29Haga lafti saafawooftee ciincaan galgala gubamu dhiyaatutti raaga'aa turan; garuu laagaa tokkollee hin dhageenne; ka isaan dhagawuu fi isaanii deebisullee hin arganne.

30Kanaan maayessa Eeliyaas banii maraanuu «Gara kiyya as dhiyaadhaa'a» isaaniin jedhe; baniin maruu gara isaa dhiyaatan; inni hulee ciinca'aa ka Rabbii ka diiggame deebisee ijaare.

31Akka Rabbi maqaa ijoollee «Israa'elii» gosa kudha lama jedhee worra Yaaqoobiin irraa dhalataniin maqaa gosa kudha lamaatiin Eeliyaas dhagaa kudha lamaa fuudhee,Ser. Uma. 32:28; 35:10

32Maqaa Rabbiitiif hulee ciinca'aa ijaaree naannaya hulee ciinca'aa sanitti boolla bisaan waabaa kudha afurii qabatu qotee,

33Qoraan irratti dareersee mirgoo qalee foon isaa hulee maraa irraa mummuree qoraan dareerse san irra kaayee,

34«Bisaan waabaa afurii guutuu ciincaa gubamuu fi qoraan irratti jissaa'a» jedhe; «Ammallee itti eda'aa'a» jedhe; isaanillee akkuma inni isaaniin jedhe godhan; «Ammallee sadeessaa'a» jedhe hennaa sadeesso'oollee akkasuma godhan.Iyya. 6:26

35Bisaan hulee ciinca'aa irratti jissan boolla ol guute.

36Hennaan ciincaan galgala ciinceessan dhiyaate raattichi Eeliyaas itti dhiyaatee «Yaa Waaqa Abrahaamii! Waaqa Yisaaqii! Waaqa Israa'elii! akka ati Waaqa Israa'elii taate, akka anillee garbicha kee ta'e waan kanniin maraa akka maqaa keetiin godhe adha haa mudhatu.

37Akka ati Waaqa taate, baniin kunillee akka ati gara kee isaan deebifte akka beekan naa dhagayii naa deebis!» jedhe.

38Achiin maayessa ibiddi Rabbii bu'ee ciincaa gubamu qoraan dhagaa, biyyeellee gube; bisaan boolla keessa jirullee hin gosse.

39Baniin maruu haga waan kana argan kallachaan gad kufanii «Rabbi inni Waaqa! Rabbi inni Waaqa!» jedhan.

40Eeliyaas «Raattota Ba'aalii keessaa namni tokkollee dheessee akka hin baane qabaa'a!» isaaniin jedhe; baniinillee isaan qaban, Eeliyaasillee isaan fuudhee laga Qiisoonii fidee achitti isaan goorraasise.

Barri Bonaa Dhumate

41Kanaan maayessa Eeliyaas Aki'aabiin «Kirfaffuun roobaa waan guddaa ta'eef ka'ii nyaadhuu dhugii deemi» jedheen.

42Aki'aabi waa nyaatee dhugu'uuf baye; Eeliyaas gara gaara Qarmeloosii ol bayee taa'ee mataa ufii jilba ufii lamaan jidduu kaayatee kallachaan gad kufee kadhate,

43nama isaa hojjatuun «Ka'ii gara galaanaa laali» jedheen; innillee bayee laalee deebi'ee womaa hin jiran jedhe; ammallee harka torbaa deddeebi'ii laali» jedheen; namni isaa hojjatu sunillee harka torbaa deddeebi'ee laale,

44Hennaa torbeesso'ootitti «Duumessa ganaa namaa geettu ta galaana keessaa baatu arge» jedhe; inni «Aki'aabiin bira dhaqii ‹akka roobni deemuu si hin dhooggine konkolaataa fardaa fe'adhuu bayi› jedhiin» jedhe.Yaq. 5:18

45Hennaa diqqo'oon maayessa samiin duumessaa fi bubbe'een dukkanaayee rooba guddaa roobuu jalqabe; Aki'aabi konkolaataa fardaa ufii yaabbatee gara Iyiziraa'elii dhaqe.

46Hunni Rabbii waan Eeliyaasiin irra bu'eef inni uffata ufii mudhi'itti hidhatee haga balbala Iyiziraa'elii gawutti Aki'aabiin afo'otti fiiga'aa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help