1Bara san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu gaye; Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii gara isaa dhaqee, «Rabbi ‹ati hin duuta; lubbu'uun hin jiraattuu mana midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.
2Hisqiyaasillee fuula ufii gara dhaaba manaa deebisee akkana jedhee Rabbiin kadhate;
3«Yabo'oo akka ani si afo'otti garaa kiyya guutu'uun jiraadhee fi akka waan si gammachiisu godhe san akka qaabattu si kadhadha!» jedhee mararamee booye.
4Uduu Isaayyaas wadhakkaa qachatti'ii hin geenne dubbiin Rabbii ka akkana jedhu itti dhufe;
5«Deebi'iitii bulchaa banii kiyyaa Hisqiyaasiin akkana jedhi ‹Rabbiin Waandhi abbaa kee ka Daawitii akkana siin jedha; kadhaa kee dhagayeera; imimmaan keellee argeera; si fayyisa; guyyaa sadihiin maayessa gara mana woyyuu Rabbii ol baata.
6Umurii qabdu irratti woggaa kudha shanii sii eda'a; si'ii fi qachattii tana mootii Asoorii harkaa hin baasa; sababaa kiyyaaf waan garbicha kiyya Daawitiitiif jedhee qachattii tana hin oolcha› »
7Kanaan maayessa Isaayyaas tajaajiltoota mootichaatiin, «Daraaraa muka hurbu'uu ka baxxeeffame naa fidaa'a» jedhe; isaanillee fidanii iita isaa irra kaayan; Innillee hin fayye.
8Hisqiyaasillee Isaayyaasiin «Rabbi akka na fayyisuu fi guyyaa sadihiin maayessa gara mana woyyuu Rabbii dhaquu akka danda'u malkata maali'iin beeka?» Jedhee gaafate.
9Isaayyaasillee «Rabbi waadaa gale waan raawwatuuf inninuu malkata sii kenna eeganaa gaaddidduun ati amma filattu tarkaanfii kudhanii gara afo'oo akka deemu barbaadda moo? tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deemu barbaadda?» jedhee isa gaafate.
10Hisqiyaas «Gaaddidduun tarkaanfii kudhanii gara afo'oo akka deemu godhu'utu salpha'a; kanaafuu tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deebi'u naa godhi» jedheen.
11Isaayyaasillee Rabbiin kadhatee Rabbillee kortoo mootichi Hisqiyaas hojjate irratti gaaddidduun irratti ta'e tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deebi'u godhe.
Ergamtoota Baabiloonii Dhufan(Isa. 39:1-8)12Hennaa san mootiin Baabiloonii ilmi Baaldaanii Maaroodaak Baabiloonii akka mootiin Hisqiyaas dhibamee ture dhagaye.
13Hisqiyaasillee worra ergaman gammachu'uun simate; mana galmee mootumma'aa ka meesha'aa maraa, birrii'i, worqii, urgoo adda addaa, dhadhaa ejersaa mishaa'a, gola mana meeshaan keessa jiruu, waan mana galme'ee keessa jiru maraa itti mudhise; inni waan bulchiinsa isaa keessa jiru maraa keessaa wonti inni isaanitti hin mudhifne hin jiru.
14Hennaa san Isaayyaas raattichi gara mootii Hisqiyaasii dhufee «Namoonni kunniin maal siin jedhan? Garamii gara kee dhufan?» Jedheen.
Hisqiyaasillee «Biyya fago'o; Baabiloonii dhufan.» jedhee deebiseef.
15Innillee «Isaan wonti mana mootumma'aa kee keessatti argan maali'i?» jedheen; Hisqiyaasillee waan mana mootumma'aa keessa jiru maraa arganiiran; waan galmee mana mootumma'aa keessa jiru keessaa wonti isaanitti hin mudhifne hin jiru» jedheen.
16Isaayyaasillee Hisqiyaasiin «Rabbii Waandhi waa maraa danda'u akkana siin jedha
17‹Kunoo abboonni tee ta durii waan haga adhaa kuufatan qabeenni mana mootumma'aa kee keessa jiru maruu fuudhamee womaa uduu hin hafne barri gara Baabiloonii itti fudhatamu hin dhufa» jedha Rabbi.Mot. 2ffaa 24:13; Sen. 2ffaa 36:10
18Fiixaa kee keessaa gari gariin gara Baabilooniititti booji'amanii mana mootummaa Baabiloonii keessatti worra moototaatii tajaajilan.Mot. 2ffaa 24:14-15; Dan. 1:1-7
19Mootichi Hisqiyaas keessattuu bara ufii wobiin nagayaan jiraachu'uu akka jiru waan hubateef «Rabbi si ergee wonti ati natti dubbatte misha'a» jedhee deebiseef.
Bara Mootiin Hisqiyaas Bulche Itti Dhumatu20Wonti mootichi Hisqiyaas godhe ka biraa gara jabeenni isaa maruu, akkasuma gongaa bisaanii attamitti akka hojjatee fi gara qacha'aa bisaan fidu'uuf boyii bisaan keessa yaa'u attamitti akka hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
21Hisqiyaas du'ee bikka isa ilma isaa Minaase'etu mooye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.