1Daawiti gara qachaa Noobii ka gadicha Abemelekii dhaqe gadichillee nayee hollata'aa gad bayee, «Namni tokkollee si bira hin jiruu maali'iif hojja kee deemta?» jedheen.
2Daawitillee Abemelekii gadichaan akkana jedhe «Mootiin Saa'ol waan ani ajaje sii erga nama tokkottillee hin himin jedhee na ajajeera; kanaafuu namoota kiyya woliin hulee itti wol arginu isaanitti himeera.;
3Mee maal uf biraa qabda? buddeena shan yookaan waan uf biraa qabdu naa kenni» jedhe.
4Gadichi Daawitiin «Buddeena woyyoome malee buddeenni biraa ka baniin nyaatu hin jiru; worri si duukaa deeman yoo dhiyoo keessa dubartoota bira hin geenne ta'e buddeena kana nyaachuu hin danda'an» jedhee deebiseef.
5Daawiti ammo deebisee gadichaan, «Hennaa namoota kiyya woliin ergamnee deemnu maraa dubartoota irraa hin fagaanna; hennaa ergama salpha'aaf deemnullee namoonni kiyya qulqullummaa ufii hin eegan; adha ammo hagam qulqullummaa ufii eeggachuu isaan barbaachisa ree?» jedheen.
6Nyaata Rabbii woyyoome kana malee nyaanni biraa waan hin jirreef gadichi buddeena woyyoome ka Rabbiin afoo jiru fuudhee Daawitii kenne; kanaafuu adhuma buddeenni oo'aan bakka haa bu'uu jedhe.
7Gaafas bulchaan tissee Saa'olii tokko ka Dooyiqi jedhamu ka gosa Edoomii seera amanti'ii raawwatu'uuf achi jira.
8Daawiti ammo «Hajaan mooti'ii ariifachiisaa waan ta'eef ani guraadee yookaan meeshaa lolaa waan hin finneef ati guraadee yookaan eboo uf biraa qabdaa?» jedhee Abemelekiin gaafate.
9Abemelek ammo, «Guraadee Gooliyaadii Filisxeemii ka ati dhooqa Eela'aa keessatti ajjeefteentu Efuudi'iin maramee na bira jira malee ka biraa hin jiru; isa fudhachuu yoo barbaadde isa fudhadhu» jedhe.
Daawiti, «Guraadeen akka guraadee isaa hin jiru; isuma naa kenni» jedheen.
10Daawiti Saa'oliin dheessu'uuf guyyama san ka'ee gara hulee Akiish jedhamtuu gara mooti Gaatii dhaqe.
11Bulchoonni hojjattoota Akiishii ka biyya irratti mooye kun Daawitiimii? Saa'ol kuma; Daawiti ammo kuma kumaatama ajjeesse jedha'aa ka dubartoonni sirbaniif isaamii? jedhanii Akiishiin gaafatan.
12Dubbii dubbatan kana dhagayee Daawiti mootii Gaatii Akiishiin guddisee sodaate.Far. 56
13Waan jara sodaateef uduma jara jidduu jiru akka nama qalbii dhabee ta'ee afaan balbalaa irratti gatantaree gorora ufii areeda ufii irra yaasee nama maraattuu uf fakkeesse.Far. 34
14Akiish hojjattoota ufiitiin «Namni kun maraattuu akka ta'e hin arginee maaf gara kiyya fiddan?
15Na bira namni maraattuun dhabamee jennaan namicha kana gara kiyya fiddanii namichi kun nama mana kiyya seenuu?» isaaniin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.