1Buddeena kee bisaan irra buusi;
guyyaa baay'e'een maayessa deebitee waan argattuuf.
2Ati uf afoo waan sami'ii gaditti ta'u waan hin beenneef
qabeenna qabdu maraa hulee torba
yookaan hulee saddeetitti qoodii kaayi.
3Duumessi hennaa bisaan uf keessatti qabate,
gara lafaa gad roobsa;
munni gara kibbaa yookaan gara kaabaatitti yoo kufe,
hulema itti kufe san ciisa.
4Namni qilleensa eegu womaa hin facaasu,
ka duumessa laalullee womaa hin haamatu.
5Akkaataa qilleensi itti deemuu fi
akkaataa namoonni garaa keessatti uumaman akkuma hin beenne
Rabbiin waa maraa uume attamitti
akka hujii ufii itti hojjatu beekuu hin dandeettu.
6Ganama sanyii kee facaasi; galgalallee hujii hin dhiisin;
kana ta'ee'e, yookaan san ta'ee'e
yookaan lamaanuu waan ta'u waan hin beenneef.
7Ifni misha'a;
ifa adu'uu laaluun ija naatitti tola.
8Namni haguma fedhellee yoo bara baay'ee jiraate;
kana marattuu haa gammaduu;
garuu guyyoota dukkanaa san haa yaadatuu
isaan waan baay'ataniif, wonti dhufu maruu gatii hin qabu.
Gorsa Dargaggeeyyii Barbaachisu9Yaa dargaggeessa! dargaggummaan waan guddisee mishaa ta'eef dargaggummaa keetitti gammadi; garaa keetiinillee guddisii gammadi; waan ijji tee argituu fi waan onneen tee yaadde maraa raawwadhu; garuu waan kanniin maraafuu Rabbi gara murti'ii akka si fidu beeki.
10Kanaafuu dhiphachuu garaa kee keessaa fageessi, waan hamaa nafa kee keessaa balleessi, dargaggummaanii fi jabeenni waan gatii hin qabneef.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.