Hujii Ergamootaa 27 - Kitaaba Woyyuu

Phaawuloosiin Gara Rooma'aa Geessan

1 25:12 Haga gara Ixaaliya'aa markabaan akka deemnu murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa woraana Awugisxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa ka Yuuliwoos jedhamutti dabarsanii isaan kennan.

219:29; 20:4 Markaba gara Adiraamixiisii daangaa Isiya'aatiin deemu'uuf ta'u keessa seennee achii kaane. Namichi Maqedooniya'aa Arixirokoosiin Tasolonqe'eellee nu woliin ture.

324:23; 28:2 Bariisaa yoo gara Siidoona'aa geennu Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firtoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen.

4Achii kaanee waan bubbeen afoo keennaan turteef Qophiroositti daadayannee deemne.

5Haga galaana Kiliqiya'aa fi Phinfiliyaa bira jiru ceeneen maayessa gara muraa Luuqiyaa keessa jiruu geenne.

6Ajajaan loltuu dhibbaa markaba Iskindiriya'aa dhuftee gara Ixaaliya'aa deemtu argee isii nu yaabbise.

7Guyyaa hedduu suuta jedha'aa deemnee rakkinnaan gara kolba Qeendoosii geenne. Bubbeen waan nu dhooggeef Qerxeesitti daadayannee kolba Seelmuna'aatiin deemne.

8Rakkinnaan qaccee irra lufnee gara qachaa michuu jedhamtuu ta qachaa Lalisiya'aatitti dhiyaattutti dhufne.

927:22; Ser. Lew. 16:29-31; Qor. 2ffaa 11:25-26 Hennaa dheera'aan maayessa hennaan soomaa amma waan lufeeruuf markabaan deemuun waan nama sodaachisuuf,

10Phaawuloos akkana jedhee isaan seere, «Namoota nana! deemsa kana keessa miidha'aa fi badiin guddaan akka ta'u arga'aara; badiinillee jireenna mataa keennaa callaa uduu hin ta'in, fe'a'aa fi markaba irratti.»

11Ajajaan loltuu dhibbaa ammo ka Phaawuloos dubbate caalaa ka markaba oofuu fi abbaa markabaa amana ture.

12Buufata san irra turuun waan isaanii hin tolleef garri caalaan yoo isaanii danda'ame dhiya irraa kibba dhiyaatii fi kaaba dhiyaatitti gara galanii gara kolba Finiqee jedhamtuutiin gara buufata Qarxeesii gayanii achi turanii achii ka'u'uuf mari'atan.

Dambaliin Galaana Irratti Ka'e

13Hennaa qilleensi haphiin kibbaa bubbise akka yaada isaanii waan ta'e isaanitti fakkaatee ka'anii qaccee Qarxeesiitiin lufan.

14Haa ta'uu ammo uduu guddaa hin turin dambaliin Awuraaqis jedhamu achitti markaba isaaniititti bu'e.

15Markabnillee fudhatamee bubbee injifatee deemuu waan hin dandeenneef gad dhiifnee oofamne.

1627:30 Hulee bisaaniin marfamte ta Qeedaa jedhamtutti daadayannee markabattii hunnaan tooyanne.

17Haga gara goobaa baasaniin maayii markaba haadaan hidhanii jabeessanii gara hulee xindhacha sirtiis jedhamtuu akka hin kufne sharaa buusanii qilleensaan oofaman.

18Bubbeenillee jabaatee nu dhiphifnaan bariisaa lamu'uu fe'aa irraa gara galaanaa darban.

19Guyyaa sadeesso'oo meeshaa markaba keessaa harka keennaan daddarbine.

20Guyyaa heddu uduu adu'uu fi addeessa hin argine hennaa bubbeen guddisee nutti jabaatu sirimaa abdiin hin hafna jedhu maruu nu keessaa dhumate.

21 27:33-38 Uduu hin nyaatin guyyaa heddu haga turaniin maayii, Phaawuloos jidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe, «isin namoota nana! uduu na dhageettaniirtan ta'ee Qarxeesii kaatanii rakkoon kun martii silaa isin irra hin gayu ture.

2227:10,31 Ammallee jabaadhaa'a jedhee isin gorsa. Markaba kana malee isin keessaa lubbuun tokkollee hin baddu.

23Halkan edaa Maleekkaan Waaqaa ka ani ka isaa ta'ee fi ka ani waaqeffadhuu na bira dhaabatee,

2423:11 ‹Phaawuloos! hin sodaatin! Qeesaariin afoo hin dhaabatta. Rabbi kunoo namoota si woliin deeman maraa sii kenneeraa› naan jedhe.

25Kanaafuu isin namoota kiyya jabaadhaa'a; akkuma natti dubbate akkasuma akka ta'u Rabbiin waan amanuuf.

2628:1 Haa ta'uu ammo gara lafa bisaaniin marfamtee gayuu nu barbaachisa.

27Halkan kudha arfeesso'ootitti galaana Adriiya'aatitti hennaa garanaa fi garas oofamnu worri markaba oofan halkan qixxee gara lafa woyii waan dhiyaatan isaanitti fakkaate.

28Haada bikkanii yoo gad dhiisan akka hojjaa namaatiin diddama akka ta'e arganii, diqqoo turanii lammeessoo yoo darban hojjaa namaatiin kudha shan akka ta'e argan.

29Gara hulee dhagaa qabuu akka hin kufne sodaatanii markaba duubaan sibiila ulfaataa gad buusanii uduu guyyaa ta'ee jedhanii hawwan.

30Worri markaba oofan markaba keessaa dheessuu barbaadanii sibiila ulfaataa markaba afo'oon gad buusanii isa irraan yabala gara galaanaa hennaa buusan,

3127:22 Phaawuloos ajajaa loltuu dhibbaatii fi loltootaan, «Kunniin markaba keessa yoo hin turre, isin hafuu hin dandeettan» isaaniin jedhe.

32Hennaa san loltoonni haada yabalatti'ii muranii akka kuftu gad dhiisan.

33Hennaa lafti bari'e Phaawuloos akka hurbaata nyaatan isaan maraa kadhata'aa ture. Akkana isaaniin jedhe, «uduu eeddan uduu hin nyaatin qooqa haga teettan adhi guyyaa kudha arfeesso'o.

34Sam. 1ffaa 14:45; Sam. 2ffaa 14:11; Luq. 12:7; 21:18 Kanaafuu akka hurbaata nyaattan isin kadhadha; kunillee akka jiraattaniif isinii ta'a; isin keessaa rifeensi mataa nama tokkollee hin badu.»

35Luq. 9:16; 22:19; 24:30; Qor. 1ffaa 11:23-24 Kana jedhee buddeenallee fuudhee isaan maraa afo'otti Rabbiin galatoonfatee kutatee nyaatuu jalqabe.

36Maruu jajjabaatanii ufumaa hurbaata fudhatanii nyaatan.

37Namoonni markaba keessa jiran nama dhibba lamaa fi torbaatamii jaha.

38Haga nyaatanii quufaniin maayessa qamadii gara galaanaa darbanii markaba irraa salphifatan.

Caccabuu Markaba Gudda'aa

39Haga lafti bariite huleen sun eessa akka taate hin beenne; Haa ta'uu ammo lafa lolaan seenu ka xindhachaa arganii garas dhiibu'uuf kutatan.

40Sibiila ulfaataa san hiikanii galaana keessatti gad dhiisan; hennama san haada muka markabaa hiikanii sharaa diqqoo qilleensaaf ol bananii gara qacce'ee laalanii deemuu jalqaban.

41Haa ta'uu ammo markabni lafa tuqee xidhacha keessa seenee socho'oo dide.

42Loltoonni worra hidhaman keessaa tokkollee daakee akka isaan jalaa hin baane ajjeesu'uuf mari'atan.

4327:22-25 Ajajaan loltuu dhibbaa ammo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan,

44Worri hafan wodhakkaan saanqa'aan, gariin ammo markaba cabeen akka bayan ajaje. Akka kanaan maruu nagayaan gara lafaa gayan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help