1Ijoolleen Israa'elii deemanii Iyyaarikoo afoo laga Yoordaanosiitiin gama lafa raasaa Moo'aabiititti quphatan.
2Ilmi Seefoorii Baalaaq waan Israa'el Amoorota irratti godhan maraa arge;
3baniin Israa'elii baay'ee waan ta'eef Moo'aab nayee guddisee sodaate.
4Moo'aab jaarsota worra Miidiyaamiitiin, «Akkuma sangaan marga marge dheedee fixu duulli naannoo keenna jiru kun waan naannoo keenna jiru maraa fixa» jedhaniin; hennaa san ilmi Seefoorii Baalaaq mootii Moo'aabii ture;
5hennaa san Baalaaq gara banii isaa naannoo lagaa faatura'atti Safareeru gara ilma Bi'oorii Bala'aamitti ergee, «Baniin tokko biyya Misiriitii dhufee as jira; kunoo baniin kun lafa guutee nu biratti quphateera;Ser. Lak. 31:8; Phex. 2ffaa 2:15-16; Yihu. 11
6baniin kun waan na caaluuf ani isaaniin loolee akka lafa kana irraa isaan ari'uu danda'u yabo'oo koottuu naa abaari; ka ati eebbifte hin eebbifama; ka ati abaarte akka abaaramu waan beekuuf» jedhee akka isa waaman namoota itti erge.
7Kanaaf jaarsonni Moo'aabiitii fi jaarsonni Miidiyaamii gatii ittiin moru harkatti qabatanii gara Bala'aamii dhaqanii waan Baalaaq jedhe itti himan.
8Innillee, «Adha galgala as bulaa'a waan Rabbi natti hime isinitti himaa» isaaniin jedhe; bulchooni worra Moo'aabiillee Bala'aamiin bira bulan.
9Rabbi gara Bala'aamii dhufee, «Namoonni si bira jiran kunniin eennu fa'a?» jedhee gaafate.
10-11Bala'aamillee Rabbiin, «Ilmi Seefoorii Baalaaq mootiin Moo'aabii ‹baniin biyya Misiriitii baye kunoo dhufee lafa guuteeraa koottuu maal laataa yoo ka woraanee isaan ari'uu danda'uu naa abaari jedhee› dhaamsa natti ergeera» jedheen.
12Rabbi Bala'aamiin, «Isaan woliin hin deemin; baniin banii eebbifame waan ta'eef hin abaarin» jedheen.
13Bala'aam obboroo lafaa ka'ee bulchoota Baalaaqiitiin, «Akka ani isin woliin deemu Rabbi waan hin feeneef gara biyya keessanii deemaa'a» isaaniin jedhe.
14Bulchoonni worra Moo'aabii gara Baalaaqii deebi'anii «Bala'aam nu woliin dhufuu dide» jedhaniin.
15Baalaaq ammallee bulchoota biraa worra ka duraa sanniin caalanii fi sanniin irra kabajjaman gara Bala'aamii erge.
16-17Isaanillee gara Bala'aamii dhaqanii, «Ilmi Seefoorii Baalaaq guddisee si kabajja waan ati jette maraa sii godhaa yabo'oo hin didinii gara kiyya koottuutii banii kana naa abaari siin jedhe jedhanii itti himan.
18Bala'aam deebisee garboota Baalaaqiitiin, «Uduu Baalaaq birrii fi worqii mana isaa guute naa kennelle'e jecha Rabbii Waaqa kiyyaa waan guddo'oo fi diqqo'ottillee yakkuun naa hin danda'amu;
19ammallee waan Rabbi natti himu laalaa yabo'oo edana na bira bulaa'a» isaaniin jedhe.
20Rabbi halkaniin gara Bala'aamii dhufee, «Namoonni si waamu'uuf gara kee yoo dhufanii jiraatan ka'ii isaan woliin deemi; garuu waanuma ani sitti hime goota» jedheen.
21Kanaaf Bala'aam bariisaa ka'ee harree ufii fe'atee bulchoota worra Moo'aabii woliin deeme.
Bala'aamii Fi Harrattii22Inni waan deemeef Rabbi isaan lole; maleekkaan Rabbii isa dhooggu'uuf karaa irra dhaabate; inni harrattii ufii yaabbatee garboota ufii lamaan woliin jiran.
23Harrattiin isaa maleekkaa Rabbii ka guraadee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu argitee karaa irraa gortee qonna keessa seente; Bala'aam harrattii san kara'atti deebisu'uuf dhaye.
24Maleekkaan Rabbii hulee muka kaloo dhaga'aan ijaaramee jidduu karaa keessa dhaabate.
25Harrattiinillee maleekkaa Rabbii argitee gara kalo'oo siixxee hucuuccee luka Bala'aamii kalo'oon wolitti maxxansite; inni ammallee isii dhaye.
26Maleekkaan Rabbii harrattii afo'oo achi siiqee hulee isaan lufuu hin dandeenne dhaqee dhaabate.
27Harrattiin maleekkaa Rabbii argitee Bala'aamiin jala ciifte; Bala'aam ammo guddisee aaree harrattii tume.
28Rabbi harrattii akka dubbattu godhee isiin Bala'aamiin «Ani maal si goonaan harka sadihii na dhoofte?» jetteen.
29Bala'aamillee harratti'iin, «Waan natti taphatteef; uduu guraadee harkaa qabaadhee silaa si ajjeesa» jedheen.
30Harrattiin Bala'aamiin, «Dur irraa haga adhaa na hin yaabbannee? Asiin dura ani akka adhaa kana si rakkisee beekaa?» jette. Innillee «Wa'a! akkana gootee hin beettu» jedheen.
31Rabbi ija Bala'aamii banee maleekkaan Rabbii guraadee harkatti qabatee ka karaa irra dhaabatu argee kallachaan kufee sagadeef.
32Maleekkaan Rabbii, «Maaf harka sadihii harree tee dhoofte? Deemsi kee na afo'otti waan badaa ta'eef si dhooggu'uuf baye;
33Harrattiin na argitee harka sadihii na jalaa gorte; uduu isiin na jalaa achi siiquu baattee ani dhugamaan silaa si ajjeesee isii hambisa» jedheen.
34Bala'aam maleekkaa Rabbiitiin, «Ani hin yakke; akka ati na afoo karaa irra dhaabatte hin beenne; kanaafuu amma deemsa deema'aaru kana yoo hin barbaanne uf irra deebi'a» jedheen.
35Maleekkaan Rabbii Bala'aamiin, «Ati namoota woliin deemi; garuu waan ani sitti himu callaa dubbatta» jedheen; Bala'aamillee bulchoota Baalaaqii woliin deeme.
Baalaaq Bala'aamiin Gammachu'uun Simate36Baalaaq akka Bala'aam dhufe haga dhagaye gara qachaa Moo'aabii ta daangaa Arnoonii jirtuu isa simachu'uuf dhaqe.
37Baalaaq Bala'aamiin, «Ani akka ati dhuftuuf nama sitti hin erginee? Maaf gara kiyya hin dhufne? Ani dhugamaan si kabajjuu hin danda'uu?» jedheen.
38Bala'aam Baalaaqiin, «Ani kunoo gara kee dhufeeraa waa dubbachuu danda'aa? Dubbii Rabbii ka Rabbi afaan na kaaye dubbadha» jedheen.
39Kanaaf Baalaaq Bala'aamiin woliin deemee gara Qiriyaatii fi Haaxootii dhufan.
40Baalaaq sangootaa fi hoolota qalee gara Bala'aamiitii fi worra bulchootaa ka isa woliin jiranii erge.
41Haga lafti bariite Baalaaq Bala'aamiin qabatee gara gaara ba'aalii ka itti sagadanii fide; achi irra dhaabatee banii qacce'ee haga qacce'ee laale.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.