Yohaannisii Ka 3ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

1Ana manguddoo irraa;

Ka dhuga'aan jaaladhu jaalatamaa Gaayiyoosiif:

2 Hu. Er. 19:29; 20:4; Rom. 16:23; Qor. 1ffaa 1:14; Yoh. 2ffaa 1 Jaalalloo kiyya! lubbuun tee akka misha'atti akka jiraattu, wonti maruu akka wol sii qixxaayuu fi akka fayyaa qabaattu Rabbiin sii kadhadha.

3Yoh. 2ffaa 4 Obboleewwan dhufanii akka ati dhuga'atti jiraattu, waan dhugaa keetii naa rannaan guddisee gammade.

4Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef.

Gaayiyoos Galatoonfame

5Jaalalloo kiyya! siif keessummaa yoo ta'anillee ati waan obboleeyyanii gootu maraan amanama'a.

6Waan jaalala keetiitiif isaaniif woldaa amantootaa afo'otti rageera. Akka Rabbi jaalatutti imala isaaniititti yoo isaan gargaarte waan mishaa goote.

7Mat. 10:8; Qor. 1ffaa 9:12,15 Worra Yihuudii hin taane irraa womaa uduu hin fudhanne maqaa Yesuusiitiif jedhanii waan bayaniiraniif.

8Eegasuu nu dhugaa woliin akka hojjannuuf namoota akkanaa kanniin keessummummaa haa simannuu.

Diyootreefesii Fi Dimeexiroos

9Woldaa Kiristaanaa saniif barreessee ture; haa ta'uu ammo Diyootreefesiin bulchaa ta'uu barbaadu nu hin simatu.

10Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa.

11Yoh. 1ffaa 2:29; 3:6,9 Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa raawwatu maruu Rabbiin irraa; ka waan hamaa ka hammeenna hojjatu ammo Rabbiin hin argine.

12Yoh. 21:24 Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf; dhugaanillee ragaa baatiif; nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan.

Dhaamsa Dhumaa

13 Yoh. 2ffaa 12 Waan sii barreessu baay'ee qaba. Haa ta'uu ammo bi'iiri'ii fi qalamaan sii barreessuu hin barbaanne.

14Hennaa dhiyoo keessatti si argee akka woliin qaandhu abdii godha.

15Nagaya ta'i; goshoonni tee nagaya sii dhaamaniiran. Goshoo kee marattuu nagaya naa himi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help