Raajii Zakkaariyaasii 13 - Kitaaba Woyyuu

1Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaa san burqaan cubbuu fi battummaa ijoollee Daawitiitii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatan qulqulleessu hin burqa.

2Ani hennaa san maqaa waaqolee tolfama'aa lafa irraa balleessa; ka deebi'ee isaan qaabatu hin jiru; waaqolee tolfamaa raattotaatii fi hafuurran battii hin balleessa;

3Yoo namni kamuu ani raatticha jedhee ka'e abbaan isa uumatee fi haati isa deette maqaan Rabbiitiin waan soba dubbatteef du'uu si barbaachisa jedhaniin; uduma inni raaga dubbatu maatiin isaa woraananii isa ajjeesan.

4Hennaa san namni kamuu ka ani raatticha ufiin jedhu mudhata raagaa ka ufii arga'aarutti hin saalfata; inni nama gowwoomsu'uuf uffata rifeensa qabu uffatee namatti hin mudhatu.

5Inni «ani nama qonnaan bulu malee raattichaa miti; ani ka'imummaa kiyya irraa jalqabee lafa qonnaa qaba» jedha.

6Namni tokko yoo «Eeganaa madaan si irra jiru kun maali'i? jedhee isa gaafate madaa mana jaalalloo kiyyaatitti madaaye jedhee deebisaaf» jedha.

Tissee Rabbii

7Waandhi banii maraa akkana jedha, «Yaa guraadee'e! ati tissee kiyya ka naan wolii galutti ka'i! akka hoolonni bittinnaayan tissee dhayi! anillee didiqqaa irratti harka kiyya hiixadhaa.Mat. 26:31; Mar. 14:27

8Banii biyyaa keessaa sadihii keessaa harka lamaa dhayanii ajjeesan; ta'ullee harka sadihii keessaa tokko hin hafa.

9Isaanillee ibiddatti isaan gata; akkuma birriin ibiddaan qulqullaawu ani isaan qulqulleessa; akkuma worqiin ibiddaan qoramu isaan qora; achiin maayessa isaan na kadhatan; anillee isaanii deebisa; ani «Banii kiyya» jedhee isaan waama; isaanillee ‹Rabbi Waaqa keenna› jedhanii na waaman» jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help