1Rabbi hin mooye;
gaachenallee hin uffate;
Rabbi gaachena uffate;
jajjabeenna hin hidhate;
adunyaan akka hin raafamnetti dhaabatteerti;
eennullee isii hin sochoosu.
2Teessoon kee dur irraa jalqabee jabaateera;
Ati baraa haga bara baraa jirta.
3Yaa Rabbi! laggiin ol ka'aniiran;
laggiin sagalee ufii ol qabatan;
laaggiin dambalii ufii ka huursu ol qaban.
4Huursaa bisaan hedduu irra;
bubbee galaanaa irra;
Rabbiin ol gubbaa jiru jaba'a.
5Seerri kee jaba'a;
yaa Rabbi! baraa haga bara baraa
manni kee woyyumma'aan bareeda.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.