Seera Laakkobsaa 33 - Kitaaba Woyyuu

Deemsa Biyya Misiriitii Jalqabanii Haga Biyya Moo'aabii Deeman

1Ijoolleen Israa'elii akka gosa isaaniitiin qoqqoodamanii Muuse'ee fi Aaroon isaan masakkanii haga biyya Misiriitii bayaniin maayessa seenaan huleen isaan itti quphatan mudhisu kana;

2Muuseenillee akka ajaja Rabbiitiin akkaataa isaan itti bayan barreesse; akkaataan isaan itti bayanillee akkana ture.

3Ji'a jalqabaa guyyaa kudha shaneesso'ootitti Raamse'ee ka'anii bariisaa ayyaana faasika'aa uduu worri biyya Misirii maruu argan ijoolleen Israa'elii irree gudda'aan biyya Misirii keessaa bayan.

4Hennaa san worri biyya Misirii hangafa isaanii ka Rabbi isaan jalaa ajjeese awwaalata'aa turan; waan Waaqa tolfamaa isaaniitiifillee Rabbi isaanitti murteesse.

5Ijoolleen Israa'elii Raamse'ee ka'anii Suukootitti quphatan;

6Suukootiillee ka'anii biyya Etaamii ta lafa gammoojji'ii jirtutti quphatan.

7Etaamiillee ka'anii Filaahirootii Baalzaafoonii afoo jirtutti deebi'anii Migidooliin afo'otti quphatan.

8Filaahirootiillee ka'anii galaana keessaan gara lafa gammoojji'ii lufan; gammoojjii Etaamii keessa haga guyyaa sadihii deemanii Maara'atti quphatan;

9Maara'aallee ka'anii gara Eliimii dhufan; Eliimiin keessa burqaa bisaanii kudha lamaa fi meexxii torbaatamatu jira; isaan achitti quphatan.

10Eliimiillee ka'anii daangaa galaana diima'aatitti quphatan;

11galaana diimaa biraallee ka'anii lafa gammoojjii Siiniititti quphatan;

12lafa gammoojjii Siiniitiillee ka'anii Rafaaqa'atti quphatan;

13Rafaaqa'aallee ka'anii Elusitti quphatan.

14Elusiillee ka'anii Rafiiditti quphatan; hulee san bisaan baniin dhugu hin jiru ture.

15Rafiidiillee ka'anii lafa gammoojjii Siina'aatitti quphatan;

16lafa gammoojjii Siina'aatiillee ka'anii Kibroot Hatawwa'atti quphatan.

17Kibroot Hatawwaa biraallee ka'anii Hatsirootitti quphatan.

18Hatsirootiillee ka'anii Ritima'atti quphatan.

19Ritima'aallee ka'anii Zaafareesii Bareemo'ootitti quphatan.

20Zaafareesii Bareemo'ootiillee ka'anii Libina'atti quphatan.

21Libina'aallee ka'anii Riisa'atti quphatan.

22Riisa'aallee ka'anii Qaahelaata'atti quphatan.

23Qahelaata'aallee ka'anii gaara Shaafiriititti quphatan;

24gaara Shaafiriitiillee ka'anii Haraada'atti quphatan.

25Haraada'aallee ka'anii Maqiheelo'otti quphatan.

26Maqiheelo'oollee ka'anii Tahaatitti quphatan.

27Tahaatiillee ka'anii Taara'atti quphatan.

28Taara'aallee ka'anii Mitiqa'atti quphatan.

29Mitiqa'aallee ka'anii Hashmoona'atti quphatan.

30Hashmoona'aallee ka'anii Mooseerootitti quphatan.

31Mooseerootiillee ka'anii Bineeyayiqaanitti quphatan.

32Bineeyaayiqaanillee ka'anii Horhaagidigaaditti quphatan.

33Horhaagidigaadiillee ka'anii Yooxibaata'atti quphatan.

34Yooxibaata'aallee ka'anii Ebiroona'atti quphatan.

35Ebiroona'aallee ka'anii Etsiyoongaabiritti quphatan.

36Etsiyoongaabiriillee ka'anii lafa gammoojjii Siiniititti quphatan; lafti tun Qaadees.

37Qaadeesiillee ka'anii gaara hoorii ka daangaa Edoomiyaasii jirutti quphatan.

38Gadichi Aaroon ajaja Rabbiitiin gaara hoorii irra bayee ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii haga bayaniin maayessa woggaa afurtameesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti du'e.Ser. Lak. 20:22-28; Kes. Deb. 10:6; 32:50

39Aaroon hennaa gaara hoorii irratti du'u umuriin isaa woggaa dhibbaa fi diddamii sadihi ture.

40Mootiin biyya Kanaa'aanii Aaraad biyya Kana'aanii gara bita'aatiin taa'eeru akka ijoolleen Israa'elii dhufteertu dhagaye.Ser. Lak. 21:1

41Ijoolleen Israa'elii gaara hoorii irraa ka'anii Seelmoona'atti quphatan.

42Seelmoona'aallee ka'anii Fuunoonitti quphatan.

43Fuunooniilleee ka'anii Abootitti quphatan.

44Abootiillee ka'anii Gaayii daangaa Moo'aabii jirutti quphatan.

45Gaayiillee ka'anii Diboongaaditti quphatan.

46Diboongaadiillee ka'anii Almoondibilaataayimitti quphatan.

47Almoondibilaataayimillee ka'anii gaarran Abiriimii ka Naabaa afoo jiru biratti quphatan.

48Gaarran Abriimiitiillee ka'anii raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiru galaana Yoordaanosii biratti quphatan.

49Raasaa Moo'aabii ka galaana Yoordaanosii bira jirutti Beetiyaashimootii haga Abeelsaaximiititti quphatan.

Seera Worri Israa'elii Uduu Laga Yoordaanosii Hin Ceene Isaanii Kenname

50Rabbi Muusee galaana Yoordaanosii raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiru biratti;

51Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi «Yoo Yoordaanosiin ceetanii gara biyya Kana'aanii galtan,

52namoota biyya maraa uf afo'oo ariitan; dhagaa isaan bocatan maraa hin balleessitan; waaqa tolfamaa waa bassanii hojjatan fakii isaanii maraa hin balleessitan; hulee isaan itti sagadan ka gaara irra jiru maraa hin diiddan.

53Ani waan lafattii isinii kenneef lafa dhaaltanii isii irra jiraattan.

54Lafattii akkuma gosa gosaatiin hixa'aan qoodamtan; namoota baay'e'eef akka baay'inna isaaniitiin, namoota hago'oof haguma diqqeenna isaaniitiin maraafuu akkuma hixaan isaa kenneen isaanii kennitan; laftillee ta isaa taati; akkuma gosa abboota keessaniitiin dhaaltan.Ser. Lak. 26:54-56

55Yoo namoota biyyaa uf afo'oo ari'uu baattanii dhiiftan garuu ija keessanitti akka qore'ee, akka waan cinaacha keessan isin woraanuu isin irratti ta'a; lafuma irra jiraattan tanatti isin rakkisan.

56Anillee waan isaan irratti godhu'uuf yaade maraa isin irratti godha» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help